Waadaa Ummataaf Seenne gochaan raawwachuun dirqama seenaa keenya ni baana - Obbo Fiqaaduu Tasammaa - ENA Afaan Oromoo
Waadaa Ummataaf Seenne gochaan raawwachuun dirqama seenaa keenya ni baana - Obbo Fiqaaduu Tasammaa
Waxabajjii 18/2018 (ENA)-Paartiin Badhaadhinaa waadaa ummataaf seene gochaan raawwachuun dirqama seenaasaa gahumsa guutuun akka ba'u ministirri hogganaa damee gurmaa’insaa wajjira muummee paartichaa fi walitti qabaan koree qindeessaa dhaabbilee federaalaa Obbo Fiqaaduu Tasammaa ibsan.
Filannoo waliigalaa torbaffaa irratti lammiileen kan filatan nagaa, dimookiraasii, misoomaa fi bulchiinsa gaarii ta'uus dubbataniiru.
Dhaabbileen Federaalaa Paartii Badhaadhinaa, hoggantoonni olanoon dhaabbilee federaalaa miseensa paartichaa ta'an bakka argamanitti waltajjii gabaasa xumuraa filannoo waliigalaa torbaffaa Finfinneetti gaggeessaa jiru.
Waltajjicharratti Obbo Fiqaaduu Tasammaa haasaa taasisaniin; hoggantoonni dhaabbilee federaalaa milkaa'ina filannoo waliigalaa Itiyoophiyaa 7ffaaf gumaacha guddaa taasisuusanii ibsaniiru.
Hoggantoonni kunniin filannicha qindeessuun, hordoffiin, falmiiwwan filannoo irratti dammaqinaan hirmaachuu fi dhaabbilee hawaasa siivilii waliin hidhata cimaa uumuun gumaacha olanaa gochuu isaanii dubbataniiru.
Filannichi nagaa, haqaa fi bilisa ta'ee injifannoo Paartii Badhaadhinaatiin akka xumuramu gochuun dirqama seenaa ba'achuun akka danda'ames ibsaniiru.
Milkaa'inni filannichaa Paartiin Badhaadhinaa caasaa cimaa qabaachuusaa qabatamaan kan itti mirkanaa'e ta'uusaa akka taatee seenaatti kaasaniiru.
Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itiyoophiyaas filannicha milkaa'inaan hogganuun cimiina dhaabbilee dimookiraasii Itiyoophiyaa qabatamaan akka argisiise ibsaniiru.
Paartileen siyaasaa miira dorgommii gaarii fi tumsaatiin socho'uun, dhaabbileen siivikii fi miidiyaaleen gabaasa madaalawaa dhiyeessuun milkaa'ina filannichaatiif qooda ijaarsaa ba'achuu isaanii eeraniiru.
Komishiniin Mirga Namoomaa Itiyoophiyaas loogii malee bilisa ta'ee filannicha taajjabuun dirqama seenaa isaa ba'achuu isaa ibsaniiru.
Ummannis guyyaa filannichaa barii subii kaasee hanga halkan walakkaatti obsaan sagalee kennuun isaa ijaarsa sirna dimookiraasiitiif kutannoo qabu gochaan akka mirkaneesse yaadachiisaniiru.
Filannoo waliigalaa torbaffaa kanaan lammiileen kan filatan nagaa, dimookiraasii, misoomaa fi bulchiinsa gaarii ta'uus hubachiisaniiru.
Kanaanis Paartiin Badhaadhinaa filannoon dura waadaa uummataaf seene hojiin raawwachuun dirqama seenaasaa gahumsa guutuun akka ba'u mirkaneessaniiru.
Hoggantoonni dhaabbilee federaalaas paartichi waadaa seene dandeettii guutuun raawwachuun fayyadamummaa hundagaleessa Itiyoophiyaa fi ummata isheetiif xiyyeeffannoon hojjachuu akka qaban dhaamaniiru. See less