Faransaay Milkaa’ina filannoo waliigalaa 7ffaa ilaalchisuun ergaa baga gammaddanii dabarsite - ENA Afaan Oromoo
Faransaay Milkaa’ina filannoo waliigalaa 7ffaa ilaalchisuun ergaa baga gammaddanii dabarsite
Waxabajjii 18/2018 (ENA): Faransaay filannoo waliigalaa 7ffaa milkaa’inaan xumuramuu isaatiin ergaa baga gammaddanii ergite.
Bu'aan filannoo waliigalaa 7ffaa Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itiyoophiyaan labsuu hordofuun Faransaay ergaa baga gammaddan jedhu ergitee jirti.
Akkasumas, aangawoota Itiyoophiyaa fi qooda fudhattoota adeemsa filannoo milkeessuuf gumaacha taasisaniif beekamtii kan kennite yoo ta’u, paartilee siyaasaa, dhaabbilee hawaasa siivikii fi taajjabdoota adeemsa filannoo irratti hirmaatan galateeffatteetti.
Hundaa ol Faransaay ergaa baga gammaddan jedhu ummata Itiyoophiyaa, kan milkaa’ina filannoo mirkaneessuu keessatti gahee olaanaa taphateef ergiteetti.
#ENA_Afaan Oromoo #ENA