Hojiileen Misooma Jallisi Naannoo Oromiyaatti raawwataman lammiilee deeggarsa eeggachaa turan akka of danda'an carraa Uumeera - ENA Afaan Oromoo
Hojiileen Misooma Jallisi Naannoo Oromiyaatti raawwataman lammiilee deeggarsa eeggachaa turan akka of danda'an carraa Uumeera
Waxabajjii 18/2018 (ENA)-Naannoo Oromiyaatti saaxilamummaa hongee qotee bulaa fi horsiisee bulaa hir'isuuf hojiileen misooma jallisi raawwataman, lammiilee eeggattummaa keessaa baasuun akka of danda'an carraa uumuusaa Biiroon Misooma Jallisii fi Horsiisee Bulaa Naannichaa beeksiseera.
Itti-aanaan Hoogganaa Biirichaa fi Hoogganaan Sektara Misooma Horsiisee Bulaa Obbo Roobaa Turchee ENA'f akka ibsanitti; naannichatti waggoottan jijjiiramaa darban keessatti saaxilamummaa hongee qotee bulaa fi horsiisee bulaa hir'isuu fi haala jireenyaa isaanii fooyyessuuf hojiileen bal'aan raawwatamaniiru.
Waggoottan jijjiiramaa naannicha keessatti dandeettii uummataa dandamannaa hongee cimsuuf hojiilee hojjataman keessaa ijaarsi pirojektoota jallisii babal'isuun isa tokkodha jedhaniiru.
Jijjiirama qilleensaa dandamachuu fi qotee bulaa fi horsiisee bulaan rooba qofa irratti akka hin hirkanne gochuuf, pirojektoota babal'isuu jallisiitiif xiyyeeffannoo kennamee hojjatamaa turuus yaadachiisaniiru.
Bara baajataa 2018 qofatti pirojektoonni jallisii 256 ta'an dandeettii dandamannaa hongee horsiisee bulaa fi qonnaan bulaa guddisan ijaaramaa akka jiran eeranii; pirojektoota jallisii ijaaraman keessaa dhibbeentaan 56 naannolee horsiisee bulaatti kan argamaniidha jedhaniiru.
Keessattuu, sagantaa 'Finnaa' jedhamuun gara ijaarsaatti kan galaman kuusawwan bishaanii jallisii 73 keessaa 38 xumuramuun, yeroo ammaa bishaan meetir kiyuubii miiliyoona 78 tuqaa 3 qabachuu isaanii ibsaniiru.
Obbo Roobaan akka jedhanitti, mootummaan naannichaa sektarichaaf xiyyeeffannoo kenne kanaan waggoottan shan keessatti pirojektoonni jallisii gurguddoo, jiddu-galeessaa fi xixxiqqoon kuma tokko ta'an ijaaraniiru.
Kanaanis naannichatti kanaan dura lafti jallisiin misoomu hektaara kuma 70 kan hin caalle yoo ta'u, yeroo ammaa gara hektaara miiliyoona 3 tuqaa 8tti guddisuun danda'ameera.
Pirojektoonni misoomaa kunniin addatti bakkeewwan jiddu-galeessa gammoojjii keessatti dhugoomuun isaanii, lammiilee kanaan dura deeggarsa Seeftineetiin jiraataa turan filannoo jallisii irratti hirmaachuun akka of danda'an carraa uumuu isaa, horsiisee bulaa Baalee fi Baalee Bahaa akka ragaatti kaasaniiru.
Dabalataanis, naannolee kanneenitti kuusawwan bishaanii ijaaraman bishaan kuufame dhugaatii namaa fi bineensotaaf tajaajiluun alatti, horsiisee bulaan daldala qurxummii irratti bobba'uun galii haaraa fi filannoo biraa argachuu jalqabuu isaas ibsaniiru.
Bulchaan Godina Baalee Obbo Abdulhakiim Aliyyii gama isaaniin akka jedhanitti; godinichatti wabii nyaataa qotee bulaa fi horsiisee bulaa mirkaneessuuf roobaa fi filannoowwan bishaanii biroo sirriitti faayidaa irra akka oolan xiyyeeffannoon hojjatamaa jira.
Godinichatti filannoowwan adda addaa fayyadamuun lafti hektaara kuma 500 caalu qonna gannaan qofa akka misoomu eeraniiru.
Akkasumas filannoowwan jallisii adda addaa fayyadamuun lafa hektaara kuma 170 caalu si'a lamaa fi isaa ol misoomsaa akka jiran dubbataniiru.
Ijaarsi pirojektoota jallisii horsiisee bulaa fayyadamaa taasisan xiyyeeffannoo argatanii irratti hojjatamaa turuusaanii yaadachiisaniiru.
Godinichatti Aanaa Dalloo Mannaatti ijaaramee tajaajilaaf kan oolan pirojektoonni jallisii Weelimalii fi Yaadot saaxilamummaa hongee horsiisee bulaa hir'isuun jireenyi isaanii akka fooyya'u gargaaraa jiraachuu dubbataniiru.
Keessattuu pirojektoonni kunniin gara hojiitti galamuun isaanii, kanaan dura eeggattoota seeftineetii ta'uun kan beekaman horsiisee bultoonni naannichaa qonna jallisii waliin wal-baruun wabii nyaataa isaanii akka mirkaneessan gargaaraa dhufuu isaa dabalanii ibsaniiru.