Tamsaasa Kallatti:

Sagantaan Ashaaraa Magariisaa dhaloota egereef biyya magariisaa fi mijataa ta'e dhaalchisuuf hojii agarsiiftuu guddaadha – Pireesidaanti Ordiin Badrii

Waxabajjii 18/2018 (ENA): Sagantaan Ashaaraa Magariisaa dhaloota egereef biyya magariisaa fi mijataa ta'e dhaalchisuuf hojii agarsiiftuu guddaadha jedhan pireesidaantiin mootummaa naannoo Hararii Ordiin Badrii.

Naannoo Harariitti sagantaan dhaabbii biqiltuu bara kanaa Pirojektii Inishiyeetiivii Gaara Hakiim irratti eegalameera.
Sagantaan ashaaraa Magariisaa sochii biyyaalessaa guddaa jijjiirama qilleensaa ittisuuf, uwwisa bosonaa dabaluu fi wabii nyaataa mirkaneessuuf akka biyyaatti hojiirra oolaa jirudha.


Naannoon Harariis waamicha biyyaalessaa kanaaf deebii kennuun waggaa waggaan biqiltuuwwan miliyoonaan lakkaa'aman kaayyoo adda addaatiif oolan dhaabaa tureera.
Sagantaan dhaabbii biqiltuu ashaaraa magariisaa naannichaa har’a eegale sochii bal’aa hawaasa naannichaa keessattuu eegumsa naannoo, miidhagina magaalaa fi hojiiwwan misoomaa irratti hirmaachisudha.

Sagantaa jalqabsiisa kana irratti itti pireesidaantiin naannoo Hararii Ordiin Badrii, itti aantuu pireesidaantii bulchiinsa naannichaa aadde Roozaa Umar, af-yaa’ii mana maree naannichaa, Sulxaan Abdusalaam, itti gaafatamaan paartii Badhaadhinaa damee naannoo Hararii, Geetuu Wayyeessaa fi hoggantoonni biroo argamaniiru.
Akkasumas qondaaltonni olaanoo Ajaja Bahaa Raayyaa Ittisa Biyyaa, hojjettoonni waajjira seektaraa, abbootiin amantaa, maanguddoonni, qonnaan bultootaa fi miseensonni hawaasaa biroo argamaniiru.


Pireesidaanti Ordiin Badrii saganticha irratti argamanii ergaa dabarsaniin, Sagantaan ashaaraa magariisaa kun jireenya dhaloota boruutiif haala mijataa uuma jedhan.
Gocha fakkeenyaa ta’ee galma biyyaalessaa tumsaan galma ga’uu akka danda’u kan agarsiisu ta’uus dubbataniiru.
Erga Sagantaan ashaaraa magariisaa naannichatti eegalamee as uwwisa bosona naannichatti dabaluu qofa osoo hin taane dhiqama biyyee ittisuu fi wabii nyaataa mirkaneesseera jedhan.
Naannoo gara lafa lalisaatti jijjiiruun dargaggootaa fi dubartootaaf carraa hojii uumuun fayyadamummaa cimsuus hubachiisaniiru. Biqiltuuwwan bara kana dhaabaman hunda kunuunsaa fi eegumsa argachuu akka qaban dubbataniiru.


Itti Aantuun pireesidaantii naannichaa fi Hoggantuun Biiroo Misooma Qonnaa Aadde Roozaa Umar akka himanitti, Sagantaa ashaaraa magariisaa bara kanaatiin naannichatti lafa heektaara kuma sagal irratti biqiltuu miiliyoona 1.7 dhaabuuf ni hojjetama jedhan.
Duula kanaan biqiltuuwwan baadiyyaa fi magaalota naannichaa keessatti dhaabaman keessaa dhibbeentaan 70 biqiltuu kuduraa fi muduraa hojii wabii nyaataa mirkaneessuuf eegalame cimsu; kanneen hafan immoo biqiltuu nyaata beeyladootaaf oolaniifi bosonaati jedhani.

Biqiloonni kanaan dura dhaabaman qonnaan bultoota hirkatummaa roobaa jalaa baasuun oomishaa fi omishtummaan akka dabalu taasiseera jedhani.

#ENA_Afaan Oromoo #ENA

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015