Tamsaasa Kallatti:

Itiyoophiyaa fi Niwuziilaandi hammattoo marii miseensummaa dhaabbata daldalaa addunyaa keessatti walii galtee carraa gabaa gam-lamee mallatteessan

Waxabajjii 18/2018 (ENA)-Itiyoophiyaan adeemsa marii miseensummaa Dhaabbata daldala Addunyaa (WTO) ta'uuf gochaa jirtu keessatti, pirootokoolii carraa gabaa lameenii Niwuziilaandi waliin mallatteessitee jirti.

Waliigalteen kun imala Itiyoophiyaan sirna daldala gam-baay'ee addunyaatti makamuuf taasiftu keessatti boqonnaa seenaa guddaa akka ta'e ibsameera.


Marii biyyoota lamaan gidduutti yeroo dheeraaf gaggeeffamaa ture kan xumursiise waliigalteen kun, dhimmoota dhaqqabummaa gabaa shaqaxootaa, dirqamootaa fi faayidaalee damee meeshaalee fi tajaajiloota irratti waliigalame kan hammateedha.

Pirootokolicha Jenevatti Ergamaa dhaabbataa fi Ambaasaaddara Itiyoophiyaa dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii fi dhaabbata addunyaa biroo kan ta'an Ambaasaaddara Tsega'aab Kababaawuu fi Dhaabbata daldala addunyaatti ergamaa dhaabbataa Niwuziilaand Ambaasaaddar Kleer Keellii mallatteessaniiru.


Sirna mallattoo kanarratti akka eerametti, waliigalteen kun biyyoonni lamaan sirna daldalaa gam-baay'ee, iftoomina qabu, seeraan hogganamu fi misooma wiirtuu godhate ijaaruuf kutannoo waliinii qaban kan ibsu ta’uun hubatameera.

Ergamaa dhaabbataa Niwuziilaand Ambaasaaddar Kleer Keellii gama isaaniitiin, Itiyoophiyaan Afriikaa keessatti biyya guddinni dinagdee ariifataa ta'e galmeessisaa jirtu ta'uu ishee kaasuun, miseensa Dhaabbata daldala Addunyaa (WTO) yoo taatus, carraa walitti hidhamiinsa dinagdee addunyaa biroo waliin qabdu kan cimsuu ta'u ibsaniiru.

Itti dabaluun, biyyi isaanii adeemsa Itiyoophiyaan miseensa WTO ta'uuf taasiftu deeggaruun gahee gumaachitu cimsitee itti fufuuf kutannoo qabaachuu ishee mirkaneessaniiru.

Waliigalteen kunis walitti dhufeenya daldalaa fi investimentii biyyoota lamaan gidduu jiru cimsuuf carraa gaarii akka uumus dubbataniiru.

Ambaasaaddar Tsega'aab Kababaawu gama isaaniitiin, adeemsa marii kana keessatti hirmaannaa ijaaraa fi deeggarsa wal-irraa hin cinne Niwuziilaand argisiisteef galata dhiyeessuu isaanii odeeffannoon ENA’n maddarraa argate ni mul’isa.

Walitti dhufeenya daldala lameeniitiin alatti, Itiyoophiyaa fi Niwuziilaand waltajjilee addunyaa fi gam-baay'ee adda addaa irratti tumsa dhiyoo qaban cimsanii itti fufaniiru.

Walitti dhufeenyi lameenii Niwuziilaand fi Itiyoophiyaa gidduu jiru guddachaa kan dhufe yoo ta'u, walitti dhufeenyi kun dhimmoota irratti xiyyeeffate keessaa ijoon, tumsa qonnaa, deeggarsa humna jii'ootarmaalii (hurka lafaa) fi tajaajiloota teeknikaa irratti kan xiyyeeffatedha

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015