Naannoo Oromiyaatti Qonna Gannaatiin hanga ammaatti lafti heektara miiliyoona 4 tuqaa 4 ol sanyiin facaafameera - ENA Afaan Oromoo
Naannoo Oromiyaatti Qonna Gannaatiin hanga ammaatti lafti heektara miiliyoona 4 tuqaa 4 ol sanyiin facaafameera
Waxabajjii 17/2018 ( ENA)- Naannoo Oromiyaatti Qonna Gannaatiin hanga ammaatti lafti heektara miiliyoona 4 tuqaa 4 ol sanyiidhaan facaafamuu Biiroon Qonnaa Naannichaa beeksise.
Daarektarri Komunikeeshinii Biiroo Qonnaa Oromiyaa Obbo Indaashaaw Jamaanee ENA’f akka ibsanitti; naannichatti Qonna gannaan lafa heektara miiliyoona 11 tuqaa1 kilaastaraan misoomsuun, callaa kuntaala miiliyoona 380 ol argachuuf karoorfamee hojjetamaa jira.
Sochii hanga ammaatti naannichatti taasifameen, lafti heektara miiliyoona 9 tuqaa1 ol qotamee facaasaaf qophaa'uu isaa dubbataniiru.
Qonna waktii gannaa bara kanaan naannichatti bakka hundatti gosootni midhaan dheedhii adda addaa facaafamaa akka jiru ibsaniiru.
Lafta qotamee sanyiidhaaf qophaa'e keessaa hanga ammaatti heektarri miiliyoona 4 tuqaa 4 midhaan adda addaa facaafamuu isaas dubbataniiru.
Lafa qonna gannaa qophaa'e keessaa hanga ammaatti miiliyoona 3 tuqaa 5 ol kan ta'u tiraaktaraan qotamuu isaa eeraniiru.
Naannichatti qonna gannaaf xaa'oo kuntaala miiliyoona 14 ol dhiyeessuuf karoorfamee, hanga ammaatti xaa'oon biyyee kuntaala miiliyoona 8 tuqaa 7 ol waldaalee hojii gamtaa fi Yuuniyenoota qaqqabuu isaa ibsaniiru.
Xaa'oo biyyee waldaalee fi yuuniyonoota qaqqabe keessaas kuntaalli miiliyoona 4 tuqaa 6 ol qonnaan bultootaaf raabsamuu isaa kaasaniiru.
Akkasumas omishaa fi oomishtummaa guddisuuf kan gargaaru, sanyiiwwan filatamaan adda addaas qonnaan bultootaaf dhiyaachuu isaa dabalanii ibsaniiru.
Yeroo ammaa kana naannichatti haalli roobaa gaarii waan ta'eef, qonnaan bulaan haala mijataa kana sirriitti fayyadamuun tattaaffii jabaa taasisaa jiraachuu hubachiisaniiru.
Naannichatti qonna Gannaan callaa karoorfame argachuudhaaf, gaggeessitoonni sadarkaa sadarkaan jiranii fi ogeeyyiin qonnaan bultootaaf deeggarsaa fi hordoffii gochaa akka jiranis dubbataniiru.