Tamsaasa Kallatti:

Filannoon walii galaa ga’umsa keessummeessuu, gaggeessuu fi to’achuu dhaabbatichaa qabatamaan kan agarsiisedha

Waxabajjii 17/2018 (ENA)- Filannoon walii galaa torbaffaan ga’umsa keessummeessuu, gaggeessuu fi to’achuu boordii filannoo biyyaalessaa qabatamaan kan agarsiise ta’uu hayyoonni ibsan.

Adeemsi filannichaa karaa qaroomeen dorgommiin yaadaa kan ittiin mul’atee fi ijaarsa sirna demokiraasii Itiyoophiyaaf bu’ura gaarii kan buusedha jedhaniiru.


Filannoon walii galaa waggaa shan-shaniin gaggeeffamu, ummanni abbaa aangoo ta’uusaa fi ijaarsa sirna demokiraasii mirkaneessuuf kan gaggeeffamu taatee biyyaalessaa isa guddaadha.

Paartiin badhaadhinaa filannoo walii galaa torbaffaadhaan teessoo mana maree caalmaa argachuun mo’ateera.

Paartileen siyaasaa morkattootaas paartii badhaadhinaa dorgommicha mo’ateef hawwii gaarii ibsanii, filannichi bilchinni siyaasaa akkasumas ummanni abbaa aangoo birmaduu ta’uusaa qabatamaan mirkaneessuusaa ibsaniiru.

Yunivarsiitii Jimmaatti barsiisaan kutaa barnoota bulchiinsaa Dr. Fiqaaduu Tolasaa ENA’f akka ibsanitti, filannoon walii galaa torbaffaan seenaa biyya keenyaa keessatti filattoonni hedduun kan itti hirmaatan, dorgommiin siyaasaa bilisaa fi haqa qabeessi kan itti taasifame filannoo seena qabeessa ta’uusaa dubbataniiru.

Boordiin filannoo biyyaalessaa Itiyoophiyaas filannichi akka milkaa’u baay’ee kan hojjetee fi ga’umsaan gaggeessuusaa taajjabdoonnillee dhugaa ba’aniiruuf jedhaniiru.

Akka walii galaatti qophiirraa eegalee filannoon dura, yeroo filannoo fi filannoon booda akkaataan boordiin filannoo biyyaalessaa Itiyoophiyaa ittiin gaggeesse kan raajeffatamu ta’uu kaasaniiru.

Filannoon walii galaa 7ffaan paartileen siyaasaa 42 kan itti dorgomanii fi filattoonni miiliyoona 54 caalan kan galmaa’an dirreen demokiraasii bal’atee kan itti mul’ate ta’uun ibsameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015