Tamsaasa Kallatti:

Naannichatti Sektara Tuuriizimii caalaatti guddisuuf bal'inaan hojjetamaa jiru

Waxabajjii 17/2018 (ENA):- Naannoo Harariitti sekaera tuuriizimii caalaatti guddisuuf hojiiwwan investimentii fi misoomaa bal'inaan hojjetamaa jiraachuu Pirezidantiin Naannichaa Ordiin Badrii dubbatan.

Pirezidantiin Naannichaa Ordiin Badrii, ijaarsota invastimentii garaagaraa Magaalaa Harar keessatti ijaaramaa jiran irra deemanii daawwataniiru.


Naannoon Hararii keessattuu dallaan seenaa ijaarame dallaa Jagol yeroo dhihoo as addunyaarratti erga galmeeffamee kaasee, Itiyoophiyaa keessatti bakkeewwan Turiizimii Aadaa fi seenaa eeraman keessaa tokkodha.

Magaalittiin hambaa seenaa Islaamummaa addaa qabdu, manneen aadaa Hararii, aadaa waraabessa sooruu akkasumas aadaa waliin jireenyaa fi muuziqaa ummataa waggaa waggaan daawwattoota biyya keessaa fi alaaf baay'ee hawata.

Mootummaan naannichaas waggoottan dhihoo asitti hojiiwwan rifoormii fi misoomaa baay'ee hojjetaa kan jiru yoo ta'u, keessattuu sektara tuuriizimii deeggarsa invastimentii abbootii qabeenyaa dhuunfaatiin guddisuuf xiyyeeffannoo kennee hojjetaa jira.


Pirezidantichi wayita sana akka jedhanitti, mootummaan naannichaa abbootii qabeenyaa filannoowwan invastimantii irratti hojjetaniif onnachiiftuu barbaachisaa gochuu fi haala mijeessuu isaa ibsaniiru.

Naannichatti damee invastimantiitiif haala mijeessuuf carraaqqii taasifameen jijjiiramni quubsaan galmeeffamuu Pirezidantichi ibsaniiru.

Yeroo ammaa kanatti pirojeektonni invastimantii abbootii qabeenyaa dhuunfaatiin magaalattii keessatti ijaaramaa jiran sadarkaa jajjabeessaa irra akka jiran ibsuun; hojiiwwan ijaarsaa yeroo karoorfameef keessatti hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.

Pirojeektonni misoomaa kunniin dandeettii Tuuriizimii naannichaa guddisuu fi lammiileef carraa hojii bal'aa uumuuf faayidaa guddaa akka qaban eeraniiru.


Abbootii qabeenyaa filannoowwan invastimantii irratti bobba'anii raawwii jajjabeessaa agarsiisaa jiraniif, mootummaan naannichaa deeggarsa gam-hedduu taasisu cimsee akka itti fufu Pirezidantichi mirkaneessaniiru.

Abbootiin qabeenyaas hojii ijaarsaa jalqaban ariitii fi qulqullinaansaanii xumuruun tajaajilaaf qopheessu akka qaban Pirezidantichi hubachiisaniiru.

Daawwannaa Pirezidantichi taasisan kanaan miseensonni boordii invastimantii naannichaa fi hoggantoonni biroos argamuun isaanii beekameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015