Tamsaasa Kallatti:

Afriikaa nagaa qabeettii fi badhaate ijaaruuf Itiyoophiyaa fi Burundiin waliin dhaabbatu – Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimad

Waxabajjii 17/2018 (ENA): Afriikaa nagaa qabeettii fi badhaate ijaaruuf Itiyoophiyaa fi Burundiin waliin dhaabbatu jedhan Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad.

Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad Pireezidaantii Burundii Ivaristee Nidaayishimiyee maqa biyya isaanii fi Gamtaa Afriikaatiin ergaa baga gammaddanii dabarsuun isaanii miira jajjabina guddaa kan namatti horudha jedhan.

Itiyoophiyaa fi Burundiin hariiroo obbolummaa gadi fagoo fi waadaa waloon Afriikaa badhaateefi ijaarsa nageenyaaf waliin dhaabbatu jedhaniiru.

Michummaa biyyoota lamaaniitiif gatii guddaa akka kennan kan ibsan Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad, Itiyoophiyaan tumsa fayyadamummaa ummatoota fi Afriikaa mirkaneessu kana daran cimsuuf qophii ta’uu eeraniiru.

#ENA_Afaan_Oromoo #ENA
 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015