Itiyoophiyaan Maaleezhiyaa waliin tumsa dameelee hedduu cimsuuf fedhii qabdi - Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimad - ENA Afaan Oromoo
Itiyoophiyaan Maaleezhiyaa waliin tumsa dameelee hedduu cimsuuf fedhii qabdi - Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimad
Waxabajjii 17/2018 (ENA): Ministirri Muummee Dr.Abiyyi Ahimad Itiyoophiyaan tumsa dameelee hedduu Maaleezhiyaa waliin qabdu daran guddisuuf fedhii guddaa akka qabdu ibsaniiru.
Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad ergaa Ministira Muummee Maaleezhiyaa Anwaar Ibraahimiif erganiin, Maaleezhiyaan michuu ijoo mul’ata gamtaa Kibba Addunyaa fi wal kabajuu kan qooddattu ta’uu ibsaniiru.
Mnistirri Muummee Dooktar Abiyyi Ahimad daawwannaa waliinii hoggantoota lamaan gidduutti taasifamaa ture yaadachuun, daawwannaa kana irratti wal-hubannoo gadi fagoo gidduu isaaniitti ijaaruu danda’uu uumamuu ibsaniiru.
Itti dabaluunis Itiyoophiyaan tumsa dameelee hedduu biyyoonni lamaan waliin ta’uun jalqaban daran guddisuuf fedhii guddaa akka qabdu ibsaniiru.
#ENA_Afaan_Oromoo #ENA