Emiiriin Kuwaataar Sheek Tamiim Biin Haamad Al-Taanii Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimadii fi Paartii Badhaadhinaatiif ergaa baga gammaddanii dabarsan - ENA Afaan Oromoo
Emiiriin Kuwaataar Sheek Tamiim Biin Haamad Al-Taanii Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimadii fi Paartii Badhaadhinaatiif ergaa baga gammaddanii dabarsan
Waxabajjii 17/2018 (ENA) - Eemiiriin kuwaataar Sheek Tamiim Biin Haamad Al-Taanii, Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimadii fi Paartii Badhaadhinaaf filannoo waliigalaa 7ffaa injifachuusaanii baga gammaddan jechuun ergaa dabarsaniiru.
Eemiiriin kuwaataar, injifannoo Paartiin Badhaadhinaa filannoo waliigalaa kanaan galmeessise hordofuun Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimadiif ergaa gammachuu isanii ibsu erganiiru.
Eemiirichi Ministira muummeetiif milkaa'ina kan hawwan yoo ta'u, hariiroon biyyoota lamaan gidduu jiru caalaatti akka guddatuu fi akka cimu fedhii jabaa qabanis ibsaniiru.