Itiyoophiyaan tumsa tarsiimawaa Hindi waliin qabdu caalaatti cimsuu barbaaddi-Ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimad - ENA Afaan Oromoo
Itiyoophiyaan tumsa tarsiimawaa Hindi waliin qabdu caalaatti cimsuu barbaaddi-Ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimad
Waxabajjii 17/2018 (ENA)- Itiyoophiyaan tumsa tarsiimawaa Hindi waliin qabdu caalaatti cimsuu akka barbaaddu Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad ibsan.
Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad ministira muummee Hindi Narendiraa Moodiif ergaa dabarsaniin, Moodiin bakka bu’ummaan ummataa seena qabeessi argatan demokiraasii addunyaa keesnyaa isa guddicha kan taate Hindi cimina demokiraasii fulla’aa qabdu kan agarsiisudha jedhaniiru.
Ministirri muummee Abiyyi gita isaanii Hindii michuu amanamaa fi obboleessa koo angafa jechuun kan ibsan yoo ta’u, hariiroon biyyoota lamaan jidduu jirus seenaa, tumsaa fi hawwii waloo ummatasaaniif qaban irratti kan hundaa’e walitti hidhamiinsa cimaa ta’uu ibsaniiru.
Itiyoophiyaa fi Hindi tumsa tarsiimawaa qaban caalaatti cimsuu fi imala waloo eegalan waliin itti fufuuf Itiyoophiyaan fedhii akka qabdu ministirri muummee ibsaniiru.