Tamsaasa Kallatti:

Itiyoophiyaan boqonnaa misooma magaalaa haaraa badhaadhina walii galaa mirkaneessu keessa galteetti

Waxabajjii 17/2018 (ENA)- Itiyoophiyaan boqonnaa misooma magaalaa haaraa badhaadhina walii galaa mirkaneessu keessa galuushee ministeera maallaqaatti gorsituun olaanaa Tigisti Fissahaa ibsan.

Yaa’iin “Itiyoophiyaan ni raawwattii” ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad bakka argamanitti mata duree “Jijjiiramarraa gara cehumsa fulla’aatti” jedhuun Finfinnee golambaa Saayinsiitti gaggeeffameera.

Ministeera maallaqaatti gorsituun olaanaa Tigisti Fissahaa akka ibsanitti, Itiyoophiyaan boqonnaa misooma magaalaa haaraa keessa galteetti.

Xiyyeeffannoonsaas magaalota babal’isuu qofa osoo hin ta’iin oomishtummaasaanii guddisuu akkasumas mijataa,dorgomaa, hunda kan hammatuu fi ammayyeessuudha jedhaniiru.

Itti dabaluunis, magaalonni carraa hojii uumuu fi badhaadhina waloof motora itti aanu akka ta’an gochuuf akka karoorfames ibsaniiru.

Sadarkaa idil addunyaatti magaalonni galii biyya keessaarraa irra caalaa akka maddisiisan ibsaniiru.

Dinagdee qonnaan durfamurraa gara dinagdee damee heddumminaatti, dinagdee mootummaan durfamurraa gara dinagdee gabaan durfamuutti cehumsa caasaa gochuudhaan jijjiiramoonni hedduun akka galmaa’an godhamuu eeraniiru.

Bu’ura dinagdee cimaa, bu’ura misoomaa si’ataa, humna nama leenji’ee fi dirree invastimantii mijataa magaalaa bu’a qabeessa tokoo uumuun isaan ijoo ta’uu ibsanii, hojiin kun hojjetamaa jira jedhaniiru.

Misooma kooriidaraa magaalaa Finfinneetti ijaaraman dabalatee paarkiiwwan garagaraa, misooma qarqara lagaa fi ijaarsa bu’uraalee misoomaa akka agarsiiftuutti eeraniiru.

Tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob bulchiinsa gaarii mirkaneessuuf jalqabame babal’achuunsaa bu’aa onnachiisaa galmeessaa akka jiru ibsaniiru.

Carraa hojii uumuun wal qabatee paarkiin industirii Galaan Guraa namoota hedduuf carraa hojii uumaa akka jiru ibsaniiru.

Oomishtoota biyya keessaaf deeggarsoota onnachiiftuu garagaraa gochuun oomisha bakka bu’aarratti xiyyeeffatanii akka hojjetan gochuun sharafa biyya alaa olaanaa hambisuun akka danda’ame kaasaniiru.

Boqonnaan misoomaa haaraan cehumsa magaalaa fi baadiyyaa cimaa uumuu ta’uu eeranii, kunis badhaadhina hunda galeessa mirkaneessuuf bu’ura ni ta’a jedhaniiru.

Hojiilee misoomaa hunda galeessa hojjetamaniin bu’aaleen badhaadhina Itiyoophiyaa mirkaneessuu danda’an galmaa’aa akka jiran gorsituun kun dabalanii ibsaniiru.

Akkasumas hojiileen misoomaa hunda fayyadamaa gochuuf karaa danda’amuun cimanii itti fufuu dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015