Mootummaan Qulqullina, Nageenyasa fi fulla’insa konistiraakshinii Sadarkaa Olaanaan mirkaneessuuf xiyyeeffateera - ENA Afaan Oromoo
Mootummaan Qulqullina, Nageenyasa fi fulla’insa konistiraakshinii Sadarkaa Olaanaan mirkaneessuuf xiyyeeffateera
Waxabajjii 17/2018 (ENA)- Mootummaan qulqullina, nageenyaa fi fulla’insa sekaera konistirakshinii sadarkaa olaanaan mirkaneessuuf xiyyeeffatee hojjachaa akka jiru De’eetaan Ministira Magaalaa fi Bu'uraalee Misoomaa Dr. Yeetimgeetaa Asiraat ibsan.
Abbaan Taayitaa Konistirakshinii Itoophiyaa koodotaa fi Istaandardoota ijaarsaa haaraa ragga'an hojiirra oolchuuf kan gargaaru waltajjii biyyaalessaa gaggeessaa jira.
Waltajjii kana irratti Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataatti Walitti Qabaan Koree Dhaabbataa Dhimmoota Magaala fi bu’uuraalee Misoomaa fi Geejjibaa Piroofeesar Mahaammad Abdoo, hoggantoonni olaanoon federaalaa fi naannolee, hoggantoonni Yunivarsiitii fi dhaabbattoota qorannoo, qorattoonni, gorsitootni, akkasumas bakka bu'oonni waldaalee ogummaa argamaniiru.
De’eetaa Ministira Magaala fi Bu'ura Misooma Dr. Yeetimgeetaa Asiraat wayita sana akka ibsanitti; mootummaan qulqullina, nageenyaa fi fulla’insa sektara konistirakshinii sadarkaa olaanaan mirkaneessuuf, akkasumas riifoormii fi tiraansfoormeeshinii konistiraakshinii guutuu fiduuf xiyyeeffatee hojjechaa jira.
Gama biraatiin, ijaarsi misooma bu'uraalee motora guddina biyyaa ta'anillee, misooma bu'uraalee qulqullinaa fi nageenyaan ijaaruun humna dinagdee akka ta'an gochuun barbaachisaadha jedhaniiru.
Nageenyi ijaarsaa saayinsii fi sirna Istaandardoota maandisaa irratti hundaa'anii hojjachuun bu'aa argamudha jedhan.
Koodonnii fi Istaandardoonni haaraan muuxannoo Maandisa addunyaalessaa fi bu'aalee qorannoo irratti kan hundaa'an ta'uu kaasaniiru.
Akkasumas, haala qilleensaa, amala ji'oolojiifi fedhii misoomaa kan xiyyeeffannoo keessa galchan waan ta'aniif, haala qabatamaa biyyattii waliin haala waltahuun akka qophaa'an ibsaniiru.
De’eetaan Ministeerichaa yeroo ammaa rakkoolee sektericha keessatti mul'atan furuuf hojiiwwan riifoormii hedduun hojjatamaa akka jiran eeraniiru.
Sirna seeraafi to'annoo ammayyeessuu, hojimaata dijitaalaayizii gochuu, hojiiwwan ijaarsa dandeettii cimsuu, akkasumas iftoominaafi itti gaafatamummaa mirkaneessuu irratti xiyyeeffannoo addaa kennamee hojjatamaa jiraachuu beeksisaniiru.
Gama biraatiin, Daarektarri Olaanaan Abbaa Taayitaa Konstrakshinii Dr. Masfin Nagawwoo; koodonnii fi Istaandardoonni sektara konistirakshinii keessatti hojimaata tokkoo fi sadarkaa isaa eeggate kan uuman ta'uu ibsaniiru.
Hojiirra oolmaa isaaniitiif tumsiifi qindoominni qaamolee hundaa murteessaa ta'uu eeraniiru.