Tamsaasa Kallatti:

Sirna dimokiraasii Itiyoophiyaa milkeessuuf hojiiwwan gurguddoon hojjetamaa turaniiru

Waxabajjii 17/2018 (ENA): Sirna dimokiraasii Itiyoophiyaa milkeessuu fi haaromsa(riifoormii) dhaabbilee mirkaneessuuf hojiiwwan bu’a qabeessa ta’an hedduun raawwatamuu ibsani Dura taa’aan Koree Dhaabbii Dhimmoota Dimokiraasii Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa obbo Iwunatee Allanaa.

Keessattuu, filannoo waliigalaa torbaffaan Caamsaa 24, 2018 gaggeeffame milkaa’inaan xumuramuun isaa, ijaarsa sirna dimokiraasii kana kan agarsiisu ta’uu eeraniiru.

Waggoota shanan darban keessatti dhaabbilee bilisaa fi walaba ta’anii fi bu’uura dimokiraasii ta’an ijaaruuf hojiiwwan bu’a qabeessa ta’an hojjetamaa turaniiru jedhani.

Milkaa’ina kana galmaan ga’uuf haaromsi seeraa hundee qabu, jijjiiramni gurmaa’insaa fi hojiiwwan ijaarsa dandeettii dhaabbileen walabummaa guutuudhaan akka socho’an kan taasise bal’inaan hojiirra ooleera jedhan.

Akka Dura Taa’aan Koree Dhaabbii Dhimma Dimokiraasii Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa obbo Iwunatee Allanaa himanitti; manni marichaa waggoota shanan darban keessatti sirna dimokiraasii biyyattii cimsuuf gahee tarsiimoo taphateera jedhan.
Seerota jijjiirama kanaan dura turan, kanneen mirga namoomaa fi dimokraatawaa lammiilee sarban fooyyessuuf hojiin bal’aan hojjetamuu hubachiisuun, kunis fayyadamummaa hunda galeessa ummataa guddisuuf bu’uura kaa’eera jedhani.

Dura taa’aan Koree Dhaabbii, dhaabbileen dimokiraasii hojiiwwan haaromsa hundee qabu akka hojjetan carraan kennameefii jiraachuu eeruun; fooyya’iinsi seeraa, jijjiiramni jaarmiyaa, fi tattaaffiin dijitaalaayizeeshinii hojii isaaniif haala mijataa uumuun bal’inaan hojiirra ooluu isaanii ibsaniiru.

Hundeeffama Komishiniin Marii Biyyaalessaa aadaa siyaasaa Itiyoophiyaa irratti jijjiirama bu’uuraa kan fidu ta’uu hubachiisaniiru. Adeemsi kun hirmaannaa lammiilee ijaarsa biyyaa keessatti akka dabaluu fi waldhabdeen mariidhaan akka hiikaman kan taasisu ta’uu eeraniiru.


Itti aanaan dura taa’aa koree dhaabbii seeraa fi haqaa mana maree bakka bu’oota ummataa obbo Isaa Boruu waggoottan shanan darban hojiileen dimokiraasii mul’isan kanaan dura hin argamne mul’ateera jedhan.

Manni marichaa gaaffiin ummataa akka deebi’uuf qaamolee dhimmi ilaallatu sadarkaa sadarkaan jiran waliin qindoominaan hojii hojjete irratti jijjiirama jajjabeessaa galmeessee jiraachuu ibsaniiru.

Filannoon waliigalaa torbaffaan milkaa’inaan xumurame guddina sirna dimokiraasii Itiyoophiyaa kan agarsiise ta’uu ibsaniiru.

#ENA_Afaan_Oromoo #ENA

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015