Tamsaasa Kallatti:

Itiyoophiyaan qabeenya Albuudaa qabdu gara guddina dinagdee qabatamaa biyyaalessaatti jijjiiraa jirti - Injinar Haannaa Birhaanuu

Waxabajjii 17/2018 (ENA)- Itiyoophiyaan qabeenya albuudaa qabdu gara humna guddina dinagdee biyyaalessaatti jijjiiraa jiraachuushee De’eetaan Ministira Albuudaa Injinar Haannaa Birhaanuu ibsan.

Yaa’iin “Itiyoophiyaan ni raawwattii” bakka Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad argamanitti mata-duree “ Jijjiiramarraa gara Ce’umsa Waaraatti” jedhuun gaggeeffamaa jira.

De’eetaan Ministira Albuudaa Injinar Haannaa Birhaanuu waltajjicharratti imala tiraansifoormeeshinii damee kanaa ilaachisuun ibsa bal’aa kennaniiru.

Injinar Haannaan ibsa isaaniitiin; Itiyoophiyaan qabeenya albuudaa bal’aa qabdu haala qindoomina qabuun gara humna guddina dinagdee biyyaalessaa lafa qabatutti jijjiiraa jiraachuu ishee ibsaniiru.

Dameen albuudaa biyyattii raawwii dadhabaa fi gufuwwan kanaan dura keessa tureerraa ba’uun, yeroo ammaa utuboota tarsiimoo guddina dinagdee keessaa isa tokko ta’uu danda’uusaa ibsaniiru.

Jijjiiramni bu’uuraa akkasii galmaahuu kan danda’e tarkaanfilee fooyya’iinsa imaammataa mootummaan fudhateen, sirna gabaa sirreessuudhaan fi dinagdee dabalata dandeessisuun invastimantii bal’aa tajaajiluun deeggaramuusaatiin ta’uu de’eetaan ministiraa kun hubachiisaniiru.

Fooyya’iinsa kana hordofuun albuudaa fi boba’aa akka qabeenya dilbiitti odeessuu qofa osoo hin taane, gara humna tarsiimoo bu’aa qabatamaa galmeessisuutti akka ce’u taasifamuusaa hubachiisaniiru.

Mootummaan gufuwwan hojii damee kana keessa jiran dhabamsiisuuf seera kan fooyyesse yoo ta’u, iftoomina mirkaneessuufis hoj-maata dijiitaalaa beeksisuusaa itti dabalanii ibsaniiru.

Sirni yeroo ammaa diriire kun damee kana to’annoorra darbee invastaroota waliin michooma cimaa uumuun invastimantii amansiisaa fi yeroo dheeraaf mijaawaa akka ta’u taassiseera jedhan.

Yeroo ammaas dameen kun galii sharafa alaa olaanaa biyyaaf galchaa kan jiru yoo ta’u, hirkattummaa meeshaalee alaatii galan hir’isuu keessatti milkaa’ina olaanaan galmaa’uusaa ibsaniiru.

Itiyoophiyaan kanaan dura bittaa dhagaa cilee alaatii galchuuf waggaatti doolaara miliyoona 300 ol baasaa kan turte yoo ta’u, yeroo ammaa Omishtoota biyya keessaa fi abbootii qabeenya dhuunfaa jajjabeessuun fedhii biyyattii guutummaatti oomisha biyya keessaan uwwisuun danda’amuu dubbataniiru.

Oomisha simmintoo guddisuuf carraaqqii taasifameen waggoottan saddeettan darban keessatti oomishni simmintoo waggaatti toonii miliyoona 8 irraa gara miliyoona 14tti guddisuun gabaa tasgabeessuun danda’amuu beeksisaniiru.

Invastimantiiwwan haaraan warqee, albuudota tarsiimoo fi murteessoo, boba’aa akkasumas oomisha xaa’oo irratti babal’achaa jiran agarsiiftuu jijjiiramichaa ta’uu ibsaniiru.

Milkaa’inni damee albuudaa keessatti mul’achaa jiru bu’aa fooyya’iinsa diinagdee biyya keessaa, mul’ata tarsiimoo fi ida’ama raawwii qindoomawaa ta’uu Injinar Haannaan ibsaniiru.

Yeroo ammaas dameen albuudaa fi boba’aa guddina diinagdee waliigala biyyattii gara sadarkaa olaanaatti akka ceesisuuf xiyyeeffannoon irratti hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015