Naannoo Harariitti biqiltuuwwan faayidaa garagaraa qaban miiliyoona 1 tuqaa 7 ashaaraa magariisaan ni dhaabamu - ENA Afaan Oromoo
Naannoo Harariitti biqiltuuwwan faayidaa garagaraa qaban miiliyoona 1 tuqaa 7 ashaaraa magariisaan ni dhaabamu
Waxabajjii 17/2018 (ENA)- Naannoo Harariitti biqiltuuwwan faayidaa garagaraa qaban miiliyoona 1 tuqaa 7 sagantaa ashaaraa magariisaan dhaabbiif qophaa’uu biiroon misooma qonnaa naannichaa beeksise.
Naannichatti sagantaa ashaaraa magariisaaa sadarkaa olaanaan itti fufsiisuuf qophiin ga’aan taasifamuu beeksiseera.
Biiroo misooma qonnaa naannichaatti daarektarri eegumsaa fi itti fayyadama misooma qabeenya uumamaa obbo Araarsoo Adam ENA’f akka ibsanitti, biqiltuuwwan qophaa’an keessaa dhibbantaa 70 kan ta’an kuduraa fi muduraa ta’uusaanii eeraniiru.
Kan hafan bosonaa fi nyaata looniif kan oolan ta’uu kaasaniiru.
Haala Kanaan naannichatti sagantaa ashaaraa magariisaa baranaatiin biqiltuuwwan faayidaa garagaraa qaban miiliyoona 1 tuqaa 7 qophaa’aniiru jedhaniiru.
Naannichatti sagantaan biqiltuu dhaabuu ashaaraa magariisaa boru Waxabajjii 18 bara 2018 ifatti akka eegalamu eeraniiru.