Milkaa’inni Itoophiyaan oomisha qamadiin galmeessite bayyanachuu dinagdee Afrikaa kan agarsiisudha- Barreessaan Olaanaan Kilaaver Gateetee - ENA Afaan Oromoo
Milkaa’inni Itoophiyaan oomisha qamadiin galmeessite bayyanachuu dinagdee Afrikaa kan agarsiisudha- Barreessaan Olaanaan Kilaaver Gateetee
Waxabajjii 17/2018 (ENA)- Milkaa’inni Itoophiyaan oomisha qamadiin galmeessite bayyanachuu dinagdee Afrikaa kan agarsiisu ta’uu dhaabbata mootummoota gamtoomaniitti sadarkaa itti aanaa barreessaatti hojii raawwachiisaa olaanaa komishinii dinagdee Afriikaa Kilaaver Gateetee ibsan.
Yaa’iin “Itiyoophiyaan ni raawwattii” ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad bakka argamanitti mata duree “Jijjiiramarraa gara cehumsa fulla’aatti” jedhuun Finfinnee golambaa Saayinsiitti gaggeeffameera.
Dhaabbata mootummoota gamtoomaniitti sadarkaa itti aanaa barreessaatti hojii raawwachiisaa olaanaa komishinii dinagdee Afriikaa Kilaaver Gateetee, Afriikaan addunyaa jijjiiramtuu keessatti dhiibbaa olaanaa kessummeessaa jirti jedhaniiru.
Garuummoo Itiyoophiyaan guddina ariifataa haalli jijjiirama addunyaa hindhaabne ijaaruu danda’uushee ibsaniiru.