Pirezidanti Taayyee Atsqasillaasee Xalayaa Muudama Ambaasaddaroota Biyyoota 11 Simatan - ENA Afaan Oromoo
Pirezidanti Taayyee Atsqasillaasee Xalayaa Muudama Ambaasaddaroota Biyyoota 11 Simatan
Waxabajjii 16/2018 (ENA)፦Pirezidantiin FDRI Taayyee Atsqasillaasee, xalayaa muudama ambaasaddaroota biyyota 11 haaraa muudamanii har'a Masaraa Mootummaa Biyyaalessaatti simataniiru.
Ambaasaddaroonni kunniinis yeroo hojii isaanii Itiyoophiyaa keessatti, tumsa gam-dannee fi hariiroo uummataa fi uummata gidduu jiru gara sadarkaa caalutti guddisuuf kutannoon akka hojjetan mirkaneessaniiru. Ambaasaddaroota xalayaa muudama isaanii dhiyeessan,Ambaasaddara Sa'ud Arabiyaa, Abdallaah Biin Hasan Al-Zaahiraanii, Ambaasaddara aangoo guutuu Rippabiliika Koongoo, Ambaasaddar Andiree Pooh,
Ambaasaddara aangoo guutuu Poortugaal, Joorji Peereeraa Doo Naasiimeentoo, Ambaasaddara Naayijeeriyaa, NaasiirAmiinoo, Ambaasaddara aangoo guutuu Sirilaankaa,Niirmaalaa Induumaatii Diyaas Paaraanaaviitaanaa, fiAmbaasaddara Malaawwii, Kiwaawulii Masiiskaa warreen xalayaa muudamaasaanii dhiheeffatanidha.
Dabalataanis,Ambaasaddara Gaanaa, Maakaariyoos Akaanbiyaanaab Akaanboong,Ambaasaddara aangoo guutuu Uraagaay, Maariyoo Anjeel Siilvaa Kaasitroo, Ambaasaddara aangoo guutuu Siloovaakiyaa, Raasitislaav Kiriizyaan,
Ambaasaddara aangoo guutuu Maadaagaasikaar, Ogasti Riichard Paareenaa, akkasumas Ambaasaddara Rippabiliika Uzbeekistaan, Ashraaf Xoojayeev xalayaa muudama isaanii piriizidantichaaf dhiyessaniiru.
Dubbii himaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaddar Nabiyat Geetaachoo ibsa kennaniin, Pirezidanti Taayyee Atsqasillaasee ambaasaddaroota kanaan waliin turtii taasisaniin, Itiyoophiyaan biyyoota kana waliin hariiroo seenaa fi dippilomaasii qabdu caalaatti cimsuu dandeessu irratti mari'achuu isaanii ibsaniiru.
Ambaasaddaroonnis yeroo Itiyoophiyaa keessa turanitti, hariiroo gam-dannee fi qunnamtii uummataa fi uummata biyyoota isaanii gidduu jiru gara sadarkaa ol'aanaatti guddisuuf kutannoon akka hojjetan mirkaneessuu isaanii eeraniiru.
Keessattuu, filannoon biyyaalesaa Itiyoophiyaa 7ffaan milkiidhaan xumurame Afriikaaf fakkeenya ta'uu isaa ibsuun, ergaa baga gammaddanii dabarsuu isaanii ibsaniiru.