Tamsaasa Kallatti:

Lammiileen Itiyoophiyaa filannoo waliigalaa 7ffaa irratti dimokiraasiif kutannoo qaban agarsiisaniiru - Mahmuud Alii Yuusuuf

Waxabajjii 16/2018 (ENA): Itiyoophiyaanonni filannoo waliigalaa 7ffaa milkaa’inaan gaggeessuun dimokiraasiif kutannoo qaban agarsiisaniiru jedhan Dura taa’aan Komishinii Gamtaa Afrikaa Mahmuud Alii Yuusuuf.

Dura taa’aan kun filannoo waliigalaa 7ffaa Itiyoophiyaa milkaa’inaan gaggeessuun ummataa fi mootummaan Itiyoophiyaaf dinqisiifannaa qaban ibsaniiru.

Paartii Badhaadhinaa injifatee fi Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahmad baga gammaddan jedhaniiru.

Adeemsi filannoo kun Itiyoophiyaanonni dimokiraasiin guddina hawaasummaa fi dinagdeef bu’uura ta’uuf kutannoo qabaachuu isaanii kan agarsiisu ta’uu ibsaniiru.
Filannoon waliigalaa milkaa’inaan akka xumuramuuf ogummaa fi kutannoo Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itiyoophiyaa agarsiise dinqisiifachuu isaanii odeeffannoon Gamtaa Afrikaa irraa argame ni mul’isa.

Dura taa’aan kun adeemsa filannoo amanamaa, nagaa fi iftoomina qabuun biyyoota miseensa Gamtaa Afriikaa keessatti bulchiinsa dimokiraatawaa cimsuuf kutannoo Komishiniin Gamtaa Afriikaa qabu ibsaniiru.

#ENA_Afaan_Oromoo #ENA

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015