Yunivarsiitiin Jimmaa balaa Tiraafikaa hir'isuuf hojii qooda fudhattoota waliin jalqabe ni cimsa - ENA Afaan Oromoo
Yunivarsiitiin Jimmaa balaa Tiraafikaa hir'isuuf hojii qooda fudhattoota waliin jalqabe ni cimsa
Waxabajjii 16/2018 (ENA) -Yunivarsiitiin Jimmaa waggoottan kurnan darban keessatti saaxilamummaa balaa tiraafikaa hir'isuuf qooda fudhattoota waliin hojii jalqabe akka cimsu beeksise.
Yunivarsiitichi waltajjii marii qooda fudhattootaa balaa kana ittisuurratti xiyyeeffate gaggeesseera.
Itti-aantuun Pirezidantii Qorannoo fi Walta'iinsa Yunivarsiitii Jimmaa Piroofeesar Muluummabeet Abarraa akka jedhanitti; balaa tiraafikaa yaaddessaa ta'e kana hir'isuuf Yunivarsiitichi qooda fudhattoota adda addaa waliin ta'uun gahee isaa ba'achaa jira jedhaniiru.
Kanaanis, Ministeera Geejjibaa fi Lojistiksii, dhaabbilee federaalaa fi naannoo waliin ta'uun hojii hojjetamaa jiruun jijjiiramni abdachiisaan argamaa jiraachuu eeraniiru.
Waggoottan darban keessatti Godina Jimmaa akkasumas magaalota fi godinoota naannichaa biroo keessatti saaxilamummaa balaa kanaa hir'isuuf hojiileen qorannoo fi hubannoo uumuu bal'aan hojjetamuu kan ibsan piroofeesarittiin, kunis hawaasa biratti dammaqinsa guddisuuf gumaacha guddaa gochuu isaa dabalanii ibsaniiru.
Daarektarri gidduu gala Qorannoo Nageenya Daandii fi Geejjibaa Yunivarsiitii Jimmaa Dr. Geetaachoo Xilaahuun gama isaaniitiin, babal’achuu bu'uraalee misooma daandii fi hubannoo hawaasaa guddisuun balaa kana hir'isuuf qooda guddaa akka qabu ibsaniiru.
Giddu-galichi waggaa kana qofa keessatti miseensota hawaasaa fi qooda fudhattoota kuma 2 fi 600 ol ta'aniif leenjii hubannoo uumuu kennuu isaas caqasaniiru.
Balaa tiraafikaatiin lubbuun nama tokkoo darbuun dhiibbaa hawaasummaa fi dinagdee guddaa kan geessisu waan ta'eef, balaa kana ittisuun itti-gaafatamummaa waloo qaama hundaa ta'uu qaba jedhaniiru.
Hogganaan Kutaa Tiraafikaa Qajeelcha Poolisii Magaalaa Jimmaa Inispeektarri Olaanaa Nagaash Xilaahuun; magaalichaa fi naannawa isheetti balaawwan mul'atan hir'isuuf hojiileen to'annoo jabaan hojjetamaa jiraachuu beksisaniiru.
Bu'uuraaleen misooma daandii babal'achuu isaanii fi dhimmichi akka hawaasatti xiyyeeffannoo akka argatu gochuu isaatiin balaan tiraafikaa gadi-bu'uu kan eeran hogganaan kun keessattuu misooma kooridariitiin daandiiwwan babal'achuu fi suphaan daandiiwwan gurguddoo taasifamuun isaa balaa hir'isuuf gumaacha guddaa gochuu isaa dubbataniiru.
Bu'aan kun gahaa waan hin taaneef , yaaddoo balaa tiraafikaa caalaatti hir'isuuf hojiin to'annoo cimee akka itti fufu mirkaneessaniiru.