Tamsaasa Kallatti:

Dameen qonnaa Itiyoophiyaa nyaata qofaaf ooluurra darbee gara bu’ura daldalaa fi birmadummaatti ce’eera

Waxabajjii 16/2018 (ENA)- Dameen qonnaa Itiyoophiyaa nyaata qofaaf ooluurra darbee gara bu’ura daldalaa fi birmadummaatti cehuusaa hojii raawwachiisaan olaanaa inistiitiyuutii tiraanisfoormeeshinii qonnaa Dr. Mandafroo Nugusee dubbatan.

Sektarri Qonnaa Itiyoophiyaa nyaata qofaaf oolaa ture irraa bilisa bahee, gara ce’umsa daldalaa fi birmadummaa bu'uuraatti gochuu isaa hojii raawwachiisaa Olaanaan Inistitiyuutii Tiraansifoormeeshinii Qonnaa Dr. Maandafroo Nugusee ibsan.

Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad bakka argamanitti, yaa’iin “Itiyoophiyaan ni raawwatti” jedhamu mata-duree “Jijjiiramaa gara Ce’umsa Waaraatti” jedhuun gaggeeffamaa jira.

Hojii raawwachiisaa Olaanaan Inistiitiyuutii Tiraansifoormeeshinii Qonnaa Dr. Maandafroo Nugusee waltajjicharratti imala jijjiirama sektera qonnaa ilaalchisee ibsa kennaniiru.

Ibsa isaaniitiinis, Itiyoophiyaan invastimantoota tarsiimawaa fi fooyya'iinsa guddaa taasisuun dameen qonnaa biyyattii barsiifata duraan nyaata qofaaf ture irraa bilisa gochuun, yeroo ammaa kana qonna irraa gara daldalaatti akkasumas gara bu'uura ce’umsa birmadummaatti kan ceesiste ta'uu eeraniiru.

Kuni akka milkaa'uufis, tarsiimoowwanii fi dhimmoota ce’umsa tarsiimoo karoora waggaa 10 waliin haala walsiman bocuun, tumsa mootummaa, dhuunfaa fi uummataa cimsuun, kalaqaa fi daldala qonnaa babal'isuun akkasumas birmadummaa nyaataa guddisuun sekterichi caalaatti kan omishtummaan isaa dabale, gabaarratti kan hundaa'e fi balaawwan uumamaa fi man-tolchee dandamachuuf dandeettiin qabu kan guddate ta’uu eeraniiru.

Duraan meeshaalee alaa galan irratti bal'inaan hirkattuu kan turte Itiyoophiyaan, yeroo ammaa omishaalee alaa galan kan biyya keessaan bakka buusuu guddisuun, sagantaa maaddii guutuu fi Inisheetiivota mandhaalee biroo dagaagsuun, teeknoolojii fi hubannoo nam-tolchee (Artificial Intelligence) gargaaramuun dargaggootaaf carraa hojii uumuu cinaatti, biyyattiin nyaataan of danda'uuf imala taasisaa jirtuuf bu'aa abdachiisaa fidaa jiraachuu hojii raawwachiisaa Olaanaan kun beeksisaniiru.

Tarkaanfiiwwan tarsiimawaa karoorfaman fi gara fuulduraa irratti xiyyeeffatan kunniin Jijjiirama qonnaa fulla’aa , badhaadhina baadiyyaa fi bu'uura dinagdee cimaa uumaa kan jiran yoo ta'u, kunis Itiyoophiyaan gara fuulduraatti deemaa fi jijjiirama qabatamaa galmeessisaa jiraachuu ishee qabatamaan kan argisiisu ta'uu eeraniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015