Tamsaasa Kallatti:

Itiyoophiyaan dandeettii qabeenya uumamaa qabdu gara guddina biyyaalessaa qabatamaatti jijjiiraa jirti

Waxabajjii 16/2018 (ENA)- Itiyoophiyaan dandeettii qabeenya uumamaa qabdu gara guddina biyyaalessaa qabatamaatti jijjiiraa akka jirtu de’eetaan ministiraa ministeera albuudaa Injiinar Haannaa Birhaanuu ibsan.

Yaa’iin “Itiyoophiyaan ni raawwatti” jedhu mata duree “jijjiiramarraa gara cehumsa fulla’aatti” jedhu bakka ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad argamanitti gaggeeffamaa jira.

De’eetaan ministiraa ministeera albuuddaa Injiinar Haannaa Birhaanuu, dameen albuuda Itiyoophiyaa raawwii gadi aanaa irra turerraa ka’ee yeroo ammaa utubaawwan tarsiimawaa guddina dinagdee biyyattii keessaa isa tokko ta’uu kan itti danda’e imala tiraanisfoormeeshinii albuudaa dhiheessaniiru.

dameen kun fooyyessa kutannoon taasifaman, gabaa deebisanii caasessuu fi Invastimantiiwwan sona dabaluu dandeessisaniin deeggaramuun galii daldala alergii olaanaa argamsiisaa, maxxantummaa oomishaalee galii daldala alaa hir’isaa fi misooma industiriif carraalee haaraa uumaa akka jiru dubbataniiru.

Jijjiiramoota oomisha warqee, albuudota ijoo, boba’aa fi oomisha xaa’oorratti babal’achaa dhufeen, Itiyoophiyaan dandeettii qabeenya uumamaa qabdu gara guddina biyyaalessaa qabatamaatti jijjiiraa jirti jedhaniiru.

Milkaa’innoonni kunneen fooyyessa riifoormii man-dhaleetiin, mul’ata fi raawwii guddaatiin bu’aa walii galaa akka argamsiisan kan mirkaneessan ta’uu ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015