Tamsaasa Kallatti:

Itiyoophiyaan gara boqonnaa misooma magaalaa haaraatti seenaa jirti

Waxabajjii16/2018 (ENA)-Itiyoophiyaan gara Boqonnaa Misooma Magaalaa haaraatti seenaa akka jirtu gorsituun olaantuu Ministeera Maallaqa Tigisti Fissahaa ibsaniiru.

Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad bakka argamanitti, waltajjiin mata-duree “ Jijjiiramaa gara Ce’umsa Waaraatti” jedhuun yaa’iin “Itiyoophiyaan ni raawwatti” jedhamu gaggeeffamaa jira.

Gorsituun Olaantuu Ministeera Maallaqa Aadde Tigisti Fissahaa akka ibsanitti, Itiyoophiyaan boqonnaa misooma magaalaa haaraatti seenaa akka jirtu eeraniiru.

Xiyyeeffannaan misooma kanaa magaalota jireenyaaf mijatoo, dorgomaa, hunda-galeessaa fi ammayyaawaa gochuu dha jedhaniiru.

Gorsituun kun dabalanii akka ibsanitti, kunis magaalonni carraa hojii uumuu fi badhaadhina waliiniitiif motora itti fufiinsa qabu akka ta'an gochuuf karoora kan qabu ta'uu ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015