Tamsaasa Kallatti:

Kan ijaarru manneen jireenyaa qofa osoo hin taanee kabaja keenya kan eegsisuufi naannoo qulqulluudha- Kantiibaa Adaanech Abeebee

Waxabajjii 16/2018 (ENA): Kan ijaarru manneen jireenyaa qofa osoo hin taanee kabaja keenya kan eegsisuufi naannoo qulqulluudha jedhan Kantiibaan magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebee.
Pirojektiin ijaarsa manneen baatii lama dura magaalittii naannoo ‘qixal taraa’ jedhamutti eegalame saffisa dinqisiisaa ta’een adeemaa akka jiru ibsaniiru.
Kantiibaan kun har’a iddoo sana daawwachuun adeemsa ijaarsaa gamaaggamuun, gamoowwan ji’a lama dura jalqaban amma darbii 9ffaa irra ga’uu isaanii ilaalaniiru.


Hojii qulqulleessuu iddoo kanaan walqabatee gamoowwan ji’a kana eegalaman darbii 4ffaa fi 5ffaa kan ga’an yoo ta’u, torbee lama dura adeemsa ijaarsaa erga sakatta’anii booda ijaarsi gamoolee haaraa dabalaman sadan illee adeemsa gaariirra akka jiru beeksisaniiru.

Gamoowwan mana jireenyaa qofa osoo hin taane dhaabbilee daldalaa, nageenyaa, manneen barnootaa fi fayyaa, dhaabbilee ispoortii, dirree tapha daa’immanii fi tajaajila hawaasummaa biroo akkasumas dhaabbilee waloo ummataaf xiyyeeffannoon walqixa ta’e kennamuu ibsaniiru.

Kanaaf, wanti ijaaramaa jiru mana jireenyaa qofa osoo hin taane, naannoo mijataa fi qulqulluu daa’imman itti guddatan, dargaggoonni dandeettii qaamaa fi sammuu isaanii guddifachuu danda’an, lammiileen tajaajila naannoo isaanii jiran argachuu fi kabaja isaanii eegsisu akka danda’an kan qabu ta’uu hubachiisaniiru.


Walumaagalatti qehee Qixal taraa fi kaleessa kan eegalame naannoo Gadaam safari fi naannoo Xaaliyaanii gidduu jiru waliin walqabsiisuu fi misoomsuuf karoorfachuu isaanii ibsuun, naannoon sun bakka jireenya ammayyaa ta’e kan uumuu fi carraa hojii bal’aa kan uumu ta’uu ibsaniiru.

Kantiibaan kun itti dabaluudhaan yeroo filannootti ijaarsi pirojektootaa rakkoo tokko malee itti fufuun isaa haala kamiinuu jiraattota amanamummaadhaan tajaajiluuf ejjennoon isaanii cimaa ta’uu kan agarsiisu ta’uu dubbatani.

Hoggantoota,hojjetoota, waldaalee, kontiraaktarootaa fi qooda fudhattoota gamoolee qulqullinaa fi saffisaa fi yeroon xumuruuf halkanii guyyaa hojjechaa jiran hunda galateeffataniiru.

#ENA_Afaan_Oromoo #ENA

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015