Tamsaasa Kallatti:

Yuunivarsitichi hojii qorannoo rakkoo qonnaan bultootaa furu cimsuu qaba

Waxabajjii 16/2018 (ENA): Yuunivarsiitiin Arsii hojii qorannoo rakkoo qonnaan bultootaa furu irratti xiyyeeffachuun hojjechaa jiru cimsuu akka qabu walitti qabduun Boordii Daayirektaroota Yunivarsiitii Arsii fi De’eetaan Ministeera Qonnaa Dr. Soofiyaa Kaasaa ibsani.

Yuunivarsitichi barattoota damee ogummaa adda addaatiin leenjise 1,355 ol guyyaa har'aa eebbiseera.


 

Kanuma waliin walitti qabduun Boordii Daayirektaroota Yuunivarsiitii Arsii fi De’eetaan Ministeera Qonnaa Dr. Soofiyaa Kaasaa akka ibsanitti; Eebbifamtoonni Itiyoophiyaa badhaate boruu dhugoomsuuf tattaaffii taasifamu keessatti ashaaraa isaanii kaa'uu qabu jedhani.

Eebbifamtoonni kunneen yeroo Itiyoophiyaan gara ijaarsa diinagdee dijitaalaa tarkaanfachaa jirtutti yeroo eebbifaman hojiin guddaa akka esaan eeggatu himaniiru.

Adeemsa jireenya lammiilee jijjiiruu keessatti eebbifamtoonni gahee isaanii bahuu akka qaban ibsuun, Yuunivarsitichi qorannoo rakkoo qonnaan bulaa furu irratti xiyyeeffachuun hojii isaa akka itti fufus qajeelfama kennaniiru.

Hojii qorannoo bu’a qabeessa ta’ee fi fayyaa dabalatee tajaajila hawaasummaa keessatti hojjetamaa jiruu fi cehumsa teeknooloojii dijitaalaa irratti xiyyeeffachuu qaba jedhan.

Pireezidaantiin Yuunivarsiitii Arsii Dr. Fiqaaduu Mitikkuu gamasaaniitiin, yuunivarsitichi qulqullina barnootaa mirkaneessuuf ciminaan hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.


 

Qorannoo rakkoo furuu bu’a qabeessa ta’e qonna, fayyaa, injinariingii fi teeknooloojii irratti gaggeessuun hawaasa fayyadamoo taasisaa jira jedhan.

Barattoonni hojii uumtota akka ta’aniif leenjiin hojii kennamaafii kan ture ta’uu himaniiru.

Yunivarsiitichi tajaajila hawaasaa babal’isuuf hojii hojjetaa jiruun hospitaala da’umsaa fi daa’immanii ijaaree hojiitti galchuu isaa ibsaniiru.

Itti dabaluunis Hospitaala Riferaalaa Asallaa dabalatee tajaajila waraqaa malee argachuun bu’aa jajjabeessaa galmeessisuu dabalanii himaniru.

#ENA_Afaan_Oromoo #ENA

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015