Tamsaasa Kallatti:

Jiraattonni Magaalittii itti gaafatamummaa isnii ba’achuudhaan naannoo isaanii balaa Lolaarraa eeguu qabu - kantiibaa Adaanech Abeebee

Waxabajjii 16/2018 (ENA):- Jiraattonni magaalaa keenyaa bo’oo lolaa qulqulleessuudhaanii fi kosii sirnaan gatuudhaan naannoo keessan balaa lolaarraa eeguu qabu jechuun Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee waamicha dhiheessan.


Kantiibaa Adaanech fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniitiin ergaa dabarsaniin, Aanaa Aqaaqii Qaallittiitti bakka yeroo baay’ee balaa Lolaatiif saaxilamu irratti hojii lolaa ittisuu fi qophii ittisa balaa ifatti jalqabsiisneerra jedhan.

Aqaaqii Qaallittiin teessuma lafaatiin kutaa Finfinnee gara gadii waan ta'eef; kanaan dura balaa lolaatiif deddeebi'ee miidhamaa turuu isaas yaadachiisaniiru.


Guyyaa har'aas naannoo kanaaf dursa kennuudhaan bakkeewwan magaalaa keenya hundatti laggeen yaa’insa uumamaa isaanii eeggatanii akka yaa’an ijaarsoota adda addaa hojjechuu fi sosochii sararoota dhangala'aa qulqulleessuu itti fufsiisneerra jechuun ibsaniiru..

Jaalatamtoota jiraattota magaalaa keenyaa, bulchiinsi keenya hojii ittisaa fi balaan akka hin qaqqabneef hojii qophii dursaarratti hojjechaa jiru irratti dammaqinaan hirmaadhaa jechuun waamicha dhiheessaniiru.

Itti dabaluudhaanis, sararoota dhabamsiisa dhangala’aa qulqulleessuudhaan, kosii gara lolaan yaa’utti gatuu dhiisuu fi sirnaan gatuudhaan naannoo keessan balaa Lolaarraa eegaa jechuun dhaamaniiru


 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015