Tamsaasa Kallatti:

Godina Wallagga Lixaatti Sagantaa Ashaaraa Magariisaa baranaatiif lafti heektara kuma 67 ol qophaa'eera

Waxabajjii 16/2018 (ENA) - Naannoo Oromiyaa Godina Wallagga Lixaatti sagantaa ashaaraa magariisaa baranaatiif lafti heektara kuma 67 ol qophaa'uu isaa Waajjirri Qonnaa godinichaa beeksiseera.


Waajjira Qonnaa godinichatti Durasaan garee eegumsa qabeenya uumaamaa Obbo Fiqruu Biraanuu, sagantaa ashaaraa magariisaa kanaaf qophiin biqiltootaas ta'ee lafaa xumuramuu isaa ibsaniiru.

Sagantaa ashaaraa magariisaa baranaatiin godinichatti aanaalee hundatti biqiltoonni faayidaa hedduu qaban miiliyoona 328 ol akka dhaabaman eeraniiru.

Biqiltoota qophaa'an keessaa avokaadoo, paappaayaa, muuzii, burtukaana, Appilii fi kanneen bosonaatiif oolan biqiltoonni hedduun qophaa'uu isaanii kaasaniiru.

Hojiin biqiltuu magarsuu kun dhuunfaan, mootummaanii fi waldaaleen kan raawwatame ta'uu ibsaniiru.

Uummata hirmaachisuudhaan hojii dhaabaatiif boolli miiliyoona 293 qophaa'uusaa eeraniiru.

Kanaanis namoota gara miiliyoona 1.4 ta'an hirmaachisuuf tattaaffiin taasifamaa jiraachuu dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015