Tamsaasa Kallatti:

Magaalaa Finfinneetti sochiin duula ittisa Lolaa Gannaa fi Qophii Balaa Bara 2018 eegalame

Waxabajjii 16/2018 (ENA): Magaalaa Finfinnee kutaa magaalaa Aqaaqiitti duulli Lolaa Gannaa fi Qophii Balaa 2018 eegalameera.
Sagantaa jalqabsiisa kana irratti kan argaman itti aanaa kantiibaa magaalaa Finfinnee fi itti gaafatamaan Biiroo Misooma Industirii Mgaalichaa Jaanxiraar Abbay akka himanitti, duulli kun yeroo Gannaa hordofee miidhaa namootaa fi qabeenya irra gahu ittisuuf kan kaayyeffate ta’uu ibsaniiru.


Bulchiinsi magaalichaa balaa sirnaan qoratee furmaata itti fufiinsa qabu kennaa akka ture eeraniiru.
Kana keessatti bu’aan qabatamaan galmaa’uu ibsaniiru.
Laggeen jireenya dhala namaatiif madda balaa ta’uu osoo hin taane, madda bishaan qulqulluu ta’uu akka qaban hubachiisuun, gara fuulduraattis lageen madda balaa akka hin taaneef misoomni qarqara lagaa irratti xiyyeeffatamee hojjetamaa jira jedhan.


Sadrkaa itti Aanaa Kantiibaattii fi hojii gaggeessaa olaanaan magaalaa Finfinnee Injiinar Wandimmuu Seetaa gamasaaniitiin magaalaa guddittii keessatti haala balaa irraa bilisa ta’e uumuuf hojiin bal’aan hojjetamaa jiraachuu hubachiisaniiru.

Naannoowwan kanaan dura madda balaa turan gara iddoo jireenyaa mijataa fi hawwataa ta’etti jijjiiramuu isaanii akeekaniiru.
Hojiin magaalattii mijataa fi jireenyaaf hawwataa taasisuu cimee itti fufuus mirkaneessaniiru.

#ENA_Afaan_Oromoo #ENA

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015