Finfinneen misooma kooriidaraa fi qarqara lagaatiin akka haaraatti dhalatte -Lammiilee biyya alaa Finfinnee jiraatan - ENA Afaan Oromoo
Finfinneen misooma kooriidaraa fi qarqara lagaatiin akka haaraatti dhalatte -Lammiilee biyya alaa Finfinnee jiraatan
Waxabajjii 16/2018 (ENA)- Misoomni kooriidaraa fi qarqara lagaa Finfinneetti yeroo gabaabaa keessatti ijaaraman magaalattii ammayyeessaniiru jedhan lammiileen biyya alaa Finfinnee jiraatan ibsan.
Finfinneen magaalaa muummee sabdaneessummaa Itiyoophiyaa, magaalaa muummee Afriikaa, wiirtuu dippilomaasii addunyaa fi lammiilee biyya alaa dabalatee heddoonni kan keessa jiraatanii fi magaalaa daawwatamtudha.
Lammiileen biyya alaa magaalattiitti hojii addaddaarratti hojjetan guddina Finfinnee fi imala ammayyummaa ijaan arganii, yeroo gabaabaatti kan milkaa’e ta’uunsaa isaan dinqisiisaa jira.
Finfinnee kan jiraatanii fi inistiitiyuutii leenjii teekniikaa fi ogummaa FDRItti barsiisaan kutaa ICT kan ta’an lammiin Hindii piroofeesar Raaviindiraa Baabbuu, jijjiirama magaalattii amanuun dadhabe, akka haaraatti dhalatte jechuun ibsaniiru.
Hojiileen bu’ura misoomaa magaalattii miidhagsanii fi faayidaa garagaraa qaban bal’inaan ijaaramuunsaanii magaalattiin akka ammayyoomtu gumaacha olaanaa akka qabaatu piroofeessarichi kaasaniiru.
Jiraataa Finfinnee kan ta’anii fi inistiitiyuutii teekniikaa fi ogummaa FDRI’tti daarektarri inistiitiyuutii Konfiishiyeesiii kan ta’an lammiin Chaayinaa Paan Liiyaangi guddinni Finfinnee sadarkaa idil addunyaa kan eege imala ammayyummaati jedhu.
Bu’urri misoomaa qindaa’aan magaalattii yeroo hojjetamu arguusaanii eeranii, misoomni qarqara lagaa fi hojiileen misoomaa biroon magaalattiin miidhagduu akka taatu gochaa jiraachuu dubbatu.
Milkaa’inni Finfinneen waggoota gabaabaa keessatti galmeessifte bu’ura ammayyummaa Afriikaa fi fakkeenya misooma si’ataa ta’uu eeraniiru.
Piroofeesar Raaviindiraa Baabbuu fi Paaanliyaangi akka raga bahanitti halli qilleensaa fi teessumni lafaa magaalittii mijataa waan ta’eef misooma kooriidaraa fi qarqara lagaa waliin ida’amee turizimii fi jireenyaaf mijattuu ishee taasiseera.