Paartiin Badhaadhinaa Filannoo walii galaa 7ffaa mo’ate waadaa uummataaf gale hojiirra olchuudhaan misooma fulla’aa mirkaneessuu qaba - ENA Afaan Oromoo
Paartiin Badhaadhinaa Filannoo walii galaa 7ffaa mo’ate waadaa uummataaf gale hojiirra olchuudhaan misooma fulla’aa mirkaneessuu qaba
Waxabajjii 16/2018 (ENA): Paartiin Badhaadhinaa filannoo waliigalaa 7ffaa injifate waadaa uummataaf gale hojiitti hiikuun nagaa fi misooma waaraa mirkaneesuuf cimee akka hojjetu Jiraattonni magaalaa Gambeellaa ibsan.
Filannoo waliigalaa keessatti paartiin Badhaadhinaa Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa fi Manneen Maree Naannootiif jidduu galeessaan teessuma baay’ee argachuun injifachuu isaa Boordiin Filannoo Biyaalessaa Itiyoophiyaa beeksisuun isaa ni yaadatama.
Bu’aa filannichaa ilaalchisuun jiraattonni magaalaa Gambeellaa ENA’f yaada kennaniin, paartiin Badhaadhinaa filannichaan mo’ate waadaa gale hojiirra oolchuudhaan fayyadamummaa uummataa gama hundaan jiru mirkaneessuuf carraaquu akka qabu ibsaniiru.
Jiraattota magaalichaa keessaa obbo Andaargee Waasihuun, paartiin Badhaadhinaa mo'ate maaniifeestoo fi sagantaa isaatiin waadaa uummataaf gale hojiirra oolchuudhaan, gaaffilee misoomaa fi bulchiinsa gaarii uummataan ka'aniif deebii kennuuf cimee hojjechuu akka qabu dubbataniiru.
Uummannis mootummaa cinaa dhaabbachuun hirmaannaa filannicha irratti agarsiise misooma irrattis irra deebi'uun, tokkummaa isaa cimsee waliin hojjechuu akka qabus ibsaniiru.
Paartiin Badhaadhina Filannoo biyyaalessaatiin mo’ate, hojiiwwan misoomaa waggoottan darban keessatti eegalaman itti fufsiisuun fayyadamummaa misooma uummataa mirkaneessuuf cimee hojjechuu akka qabu kan dubbate immoo dargaggoo Umood Umood dha.
Keessattuu akka Naannoo Gambeellaatti waggoottan darban keessa misoomni eegalaman cimanii akka itti fufan fedhii qabna, kanaafis mootummaa cinaa ni dhaabbanna jedheera.
Jiraataa magaalattii biraan obbo Zallaqaa Dabalee yaada kennaniin, paartiin mo'ate tokkummaa fi waliin jireenya uummataa cimsuudhaan nagaa fi misooma waaraa mirkaneessuu irratti xiyyeeffachuu akka qabu ibsaniiru.
Paartichi waggoottan shanan dhufan keessatti gaaffilee misoomaa fi bulchiinsa gaarii uummataa deebii kan itti kennu ta’uu akka qabus yaada kennaniiru.
Maaniifeestoo fi sagantaalee paartichaan karoorawwan uummataaf ibsaman hojiirra oolchuudhaan bu’aa misoomaa qabatamaa galmeessisuuf hojjechuu akka qabu kan dubbate immoo jiraataa magaalichaa dargaggoo Kaamaa Ubongii dha.
Paartiin Badhaadhinaa filannicha injifachuun isaa hojiiwwan kanaan dura eegale galmaan gahuuf carraa gaarii akka uumu kan ibse dargaggoon kun, nutis akka dargaggootti cinaa isaa dhaabbannee ni tattaafanna jedheera.