Itiyoophiyaan eegumsa haala qilleensaa irratti mul'ata cimaa fi raawwii gaarii qabdi – Dr. Geediyoon Ximootiwoos - ENA Afaan Oromoo
Itiyoophiyaan eegumsa haala qilleensaa irratti mul'ata cimaa fi raawwii gaarii qabdi – Dr. Geediyoon Ximootiwoos
Waxabajjii 16/2018 (ENA): Itiyoophiyaan eegumsa haala qilleensaa irratti mul’ata cimaa fi raawwii gaarii qabdi jedhan Ministirri Dhimma Alaa Itiyoophiyaa fi Pirezidaantiin ‘COP32’ Dr. Geediyoon Ximootiwoos.
Mariin kun kan gaggeeffame Waltajjii Torbee Haala Qilleensaa dhaabbanni idil-addunyaa Chaatam Haawus (Chatham House) jedhamu Landanitti qopheesseefi mata duree “Haala Ji’oo-Siyaasaa Qoqqoodame Keessatti Barbaachisummaa Konfiraansii COP mul’isuu ” jedhuun qophaa’e irrattidha.
Dr. Geediyoon Ximootiwoos Ministira Dhimma Alaa Itiyoophiyaa fi Pireezidaantii COP32, Pireezidaantii COP30 Andiree Koreyaa Biraazil irraa fi Ministirri Naannoo, Misooma Magaalaa fi Jijjiirama Qilleensaa Turkiyyee COP31 bakka bu’uun marii kana irratti hirmaataniiru.
Itiyoophiyaan yeroo kanatti eegumsa haala qilleensaa irratti mul’ata cimaa fi raawwii gaarii agarsiisteetti jedhan Dr. Geediyoon Ximootiyoos.
Keessattuu waggoota saddeet darban keessatti tarkaanfiiwwan imaammataan deeggaramanii fi hojiirra oolan ibsaniiru.
Pireezidaantii COP32 kan filataman Dr. Geediyoon Ximootiwoos itti dabaluudhaan, Itiyoophiyaan COP32 irratti hojiiwwan jalqabaa tarkaanfiiwwan COP31, kan Turkii fi Awustiraaliyaa keessummeessaan irraa muuxannoowwan fudhataman irratti kan hundaa’uu fi itti fufinsa isaa kan mirkaneessu ta’uu ibsaniiru.
Akkasumas Itiyoophiyaan qindeessitoota COP kanaan duraa waliin qindoominaan hojjechuun tattaaffii waloo akka cimsu hubachiisaniiru.
Adeemsa dippilomaasii biyyoota hedduu keessatti abdii deebisee kan kakaasu qajeelfama “Ida’amuu” kan calaqqisiisu ta’uu isaas dubbataniiru.
#ENA_Afaan_Oromoo #ENA