Uggurri viizaa Ameerikaan hoggantoota garee Finxaaleyyii ABUT duraanii irratti kaa’uun gareen kun hatattamaan hojii badinsaa raawwatu akka dhaabuuf ergaa ifa ta’e dha - ENA Afaan Oromoo
Uggurri viizaa Ameerikaan hoggantoota garee Finxaaleyyii ABUT duraanii irratti kaa’uun gareen kun hatattamaan hojii badinsaa raawwatu akka dhaabuuf ergaa ifa ta’e dha
Waxabajjii 16/2018 (ENA): Uggurri viizaa Ameerikaan hoggantoota garee finxaaleyyii ABUT duraanii fi maatii isaanii irratti dhiyeenya kaa’e ergaa ifa ta’ee fi gareen kuni sochii badinsaa raawwatu hatattamaan akka dhaabuuf murtee cimaa ta’uu itti gaafatamtuun waajjira Paartii Simrat Aadde Almaaz Gabratsaadiq himaniiru.
Hoggantuun bulchiinsa Yeroo Mootummaa Naannoo Tigraay duraanii fi itti gaafatamtuun waajjira Paartii Simrat aadde Almaaz Gabratsaadiq waa’ee uggura viizaa tibbana Ameerikaan hoggantoota ABUT duraanii fi maatii isaanii irra kaa’e ilaalchisee haala naannoo Tigraay ENAtti himaniiru.
Akka itti gaafatamaan kun himanitti, Ameerikaan hoggantoota TPLF duraanii fi maatii isaanii irratti dhiyeenya uggurri viizaa darbe gareen kun hatattamaan hojii badii seeraan alaa raawwachaa jiru akka dhaabu ergaa ifa ta’e dha jedhani.
Murteen kun gareen kun dhaabbatee akka itti yaaduu fi Waliigaltee Nageenyaa Piriitooriyaa guutummaatti hojiirra akka oolchuuf gumaacha guddaa akka taasisa jedhan.
Gareen finxaaleyyii TPLF duraanii naannoo Tigraay keessatti waraanaaf qophaa’aa akka jiru kan ibsan itti gaafatamtuun waajjira Paartii Simrat, naannicha keessatti dargaggoota sadarkaa olaanaan dirqisiisuun waraanatti guuraa akka jirus akeekaniiru.
Dargaggoonni naannicha keessatti garee hidhattootatti makamuu didan labsii seeraan alaatiin garee hidhattootaa kana akka makaman dirqisiifamaa akka jiran akeekaniiru.
Dargaggoonni kunniin naannoo sanaa miliqaa akka jiran kan eeran yoo ta’u, dirqiin waraanatti guuramuu kana mormuun gara Finfinnee fi kutaalee biyyattii birootti baqachaa akka jiran ibsaniiru.
Baandaaleen farra nageenyaa maqaa "Tsimdoo" jedhuun humnoota diina alaa waliin ta'uun Itiyoophiyaa dadhabsiisuuf hojjechaa akka jiran kan ibsan itti gaafatamtuun waajjira Paartii Samrit, gareen finxaaleyyii kuni walitti makamuun kun waraana haaraa banuuf qophaa'aa akka jiran kan mirkaneessu ta'uu ibsaniiru.
Kaayyoon inni guddaan piroojektii Tsimdoo jedhamu kun Itiyoophiyaan nageenya dhabdee jeequmsa dhaabbataa keessa tursiisuu akka ta’es hubachiisaniiru.
Gareen finxaaleyyii wayyaanee duraanii Shabiyaa waliin tumsa uumuun ergamaa fi meeshaa ajandaa jeequmsaa kanaa ta’ee socho’aa akka jiru ibsaniiru.
Kanaaf dargaggoonni Tigraay garee finxaaleyyii TPLF duraanii, kan humna alaa waliin tumsa uumuun aangoo seeraan alaa dheereffachuu fi biyyattii tasgabbii dhabsiisuun isin gaha jechuu qaba jedhaniiru.
#ENA_Afaan_Oromoo #ENA