Pirezidanti Taayyee Atsqasillaasee Komishinara Olaanaa Godaantotaa Dhaabbata mootummoota gamtoomanii waliin mari’atan - ENA Afaan Oromoo
Pirezidanti Taayyee Atsqasillaasee Komishinara Olaanaa Godaantotaa Dhaabbata mootummoota gamtoomanii waliin mari’atan
Waxabajjii 15/2018(ENA)-Pirezidanti Taayyee Atsqasillaasee Komishinara Olaanaa Godaantotaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Dr.Barhaam Saalihiin waajjira isaaniitti simatanii dubbisaniiru.
Komishinarri Olaanaa Godaantotaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Dr. Barhaam Saalihiin marii kana ilaalchisuun ENAtti akka ibsanitti, Pirezidant Taayyee Atsqasillaasee waliin marii bu’a qabeessa ta’e gaggeessuu isaanii eeraniiru.
Mariin kun Itiyoophiyaan godaantota hedduu keessummeessuu keessatti shoora murteessaa bahachaa jirtuuf dhaabbanni isaanii dinqisiifannaa fi beekamtii qabu ibsuuf carraa guddaa uumuu isaa ibsaniiru.
Keessattuu, biyyatiin godaantota sirna biyyaalessaa keessatti hammatuu fi gargaarsa namoomaa qofa irratti akka hin hirkamne gargaaruuf dhiyyeenya kana roodmaappii hammannaa isheen ifa goote akka fakkeenyaatti kaasaniiru.
Adeemsa hojiirra oolmaa roodmaappii kanaan komishinichi mootummaa Itiyoophiyaa waliin kutannoon akka hojjetu kan mirkaneessan yoo ta'u; hawaasni addunyaas itti gaafatamummaa gamtaa isaa akka bahu waamicha dhiyeessaniiru.
Gama biraatiin, Komishinar Barhaam Saalihiin Itiyoophiyaan dhiyyeenya kana filannoo waliigalaa torbaffaa milkiin xumuruu isheetiif gammachuu itti dhaga’ame ibsuun, ergaa baga gammaddanii dabarsaniiru.