Tamsaasa Kallatti:

Tajaajilli tola ooltummaa rakkoo hawaasummaa fi dinagdee lammiilee salphisaa jira - Pireesidaanti Ordiin Badrii

Waxabajjii 15/2018 (ENA): Tajaajilli tola ooltummaa rakkoo hawaasummaa fi dinagdee lammiilee salphisaa jiraachuu piresidaantiin naannoo Hararii obbo Ordiin Badrii beeksisaniiru.
Piresidaanti Ordiin Badrii sagantaa tajaajila tola ooltummaa Ganna bara kanaa eegalchiisaniiru.


Piresidaanti Ordiin saganticha kan eegalchiisan kutaalee hawaasaa rakkoof saaxilamoo ta’aniif ijaarsa mana jireenyaa eegaluunidha.
Wayita sana akka jedhanitti, hunduu hojiiwwan tajaajila tola ooltummaa gaggeeffamaa turan gargaaraa fi deeggarsa taasisuun, rakkoo hawaasummaa fi diinagdee lammiilee salphisaniiru.

Hojii tajaajila tola ooltummaa Ganna bara kanaa irratti paartii fi mootummaan waliin ta’uun lammiilee rakkoof saaxilamoo ta’aniif mana jireenyaa ni ijaaru jedhaniiru.
Manneen kunneen yeroo gabaabaa keessatti saffisaa fi gahumsaan ijaaramanii fayyadamtootaaf dabarfamuu akka danda’an himaniiru.

Hunduu humnaa fi qabeenya qabu hundaan sochii tajaajila tola ooltummaa Ganna naannicha keessatti gaggeeffamu irratti hirmaachuudhaan gahee lammummaa isaa gumaachuun akka irraa eegamu dubbataniiru.
Hojiin tajaajila tola ooltummaa kaka’umsa mataa ofiitiin gaggeeffamu gara fuula duraatti cimee akka itti fufu piresidaanti Ordiin ibsaniiru.

Hoggantuun Biiroo Dhimma Dubartoota, Daa’immanii fi Dargaggoota Naannichaa Aadde Ramziyaa Abdulwaahib gama isaaniitiin; Tajaajila tola ooltummaa waggaa waggaan naannichatti gaggeeffamu irratti lakkoofsi dargaggoota hirmaatan dabalaa dhufeera jedhani.


Tajaajila tola ooltummaa bara kanaa fi hojiiwwan misoomaa hawaasa fayyadamoo taasisan keessatti tajaajilawwan xiyyeeffannoo 14 adda baasuun, kanarrattis tola ooltonni kuma 47 akka hirmaatan hubachiisaniiru.
Sagantichaan hojiiwwan misoomaa birrii miiliyoona 200tti tilmaamamu hojjachuuf karoorri qabamee hojiitti galamuusaa akeekaniiru.

Sirna jalqabsiisa kana irratti Itti Aantuu piresidaantii naannichaa aadde Roozaa Umar, Af-yaa’iin Mana Maree Naannichaa Sulxaan Abdusalaam fi Hogganaan Paartii Badhaadhinaa Damee Naannoo Hararii Geetuu Wayyeessaa akkasumas hoggantoonni naannichaa biroo argamaniiru.

#TOI #ENA Afaan Oromoo

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015