Hariiroon Itiyoophiyaa fi Yunaayitid Kingidam caalaatti cimuu qaba – Dr. Geediyoon Ximootiwoos - ENA Afaan Oromoo
Hariiroon Itiyoophiyaa fi Yunaayitid Kingidam caalaatti cimuu qaba – Dr. Geediyoon Ximootiwoos
Waxabajjii 15/2018 (ENA)-Hariiroon seenaa qabeessi Itiyoophiyaa fi Yunaayitid Kiingidam caalaatti akka cimu ministirri dhimma alaa Dr. Geediyoon Ximootiwoosa dhaaman.
Sagantaan irbaata dippilomaatikii gareen Sidaraa (Sidara Group) magaalaa Landanitti qopheesse akkasumas Leber Afriikaa Neetwoorkii (Labour African Network fi embsaaiin Yunaayitid Kingidam Itiyoophiyaatti argamuun waloomaan qophaa’e gaggeeffameera.
Ministirri dhimma alaa Dr Geediyoon Ximootiwoos wayita kana akka jedhanitti, gufuulee idil addunyaa waloomaan furuuf akkasumas carraalee guddinaa fi badhaadhinaa haaraatti gargaaramuuf waltajjiiwwan maree fi tumsaa qooda ijoo qabu.
Hariiroon Itiyoophiyaa fi Yunaayitid Kiingidam dhaabbilee mootummaa jidduutti akka hin daangofne ibsaniiru.
Tumsi kun walitti hidhamiinsa fulla’aa dhaabbilee daldalaa, dhaabbilee mootummaa, hawaasa diyaasporaa fi lammiilee biyyoota lamaanii jidduu jirurratti kan hundaa’e ta’uu ibsaniiru.
Hariiroon ummattoota biyyoota lamaanii jiru kun tumsa cimaa fi egereef utubaa isa ijoodha jedhaniiru.
Ministirri dhimma alaa kun dubbiisaanii keessatti ajandaa riifoomii Itiyoophiyaa yeroo ammaa fi karoora misoomaa yeroo dheeraa kaasaniiru.
Keessumaa dinagdee jabeessuu, dargaggoof carraa hojii uumuuf akkasumas guddina hammataa fi fulla’aa fiduuf tattaaffii taasifamaa jiru kaasaniiru.
Carraaleen tumsa daldalaa, Invastimantii, barnoota, qu’annoo teeknooloojii kalaqaa(Innoveeshinii) fi jijjiirama qilleensaa damdamachuu biyyoota lamaan jidduu jiraachuusaanii ministirichi eeraniiru.
Haala idil addunyaa yeroo yerootti wal xaxaa dhufe sirnaan bahachuu fi lammiilee biyyoota lamaaniif faayidaa qabatamaa argamsiisuuf tumsa idil-addunyaa cimaa uumuun dhimma filmaata hin qabne ta’uu hubachiisaniiru.
Dura taa’aan Leber Afriikaa Netwoork (LAN) Ernasti Ambee dubbii dubbataniin, Neetwoorkichi sagaleen Afriikaa imaammata bocuu Yunaayitid keessatti, waltajjiiwwan daldalaa fi dippilomaasii irratti guddatee akka mul’atu gochuurratti qooda inni bahe dinqisiifataniiru.
Dinagdeen Itiyoophiyaa Afriikaarraa gabaawwan isa guddaa fi guddina si’ataa galmeessisaa jiran keessaa isa tokko ta’uu haala addaan kaasaniiru.
Yuunaayitid Kingidamitti ambaasaaddarri Itiyoophiyaa Buruuk Mokonnon gamasaaniin, taateen dippilomaasichaa tumsa daldalaa, Invastimantii fi innoveeshinii biyyoota lamaanii cimaa dhufe bal’isuuf carraa gaarii uumuusaa ibsaniiru.
wal deeggarsi dinagdee itiyoophiyaa fi walumaa gala biyyoota afriikaa waliin qabdu guddachuunsaa carraalee haaraa, badhaadhina waloo fi guddina hammataa fulla’aa fiduuf akka gargaaru ibsuusaanii ministeerri dhimma alaa beeksiseera.