Misoomni qarqara lagaa fi kooriidaraa saaxilamummaa lolaa hir’isuudhaan gumaacha olaanaa gochaa jira - ENA Afaan Oromoo
Misoomni qarqara lagaa fi kooriidaraa saaxilamummaa lolaa hir’isuudhaan gumaacha olaanaa gochaa jira
Waxabajjii 15/2018 (ENA)- Misoomni qarqara lagaa fi kooriidaraa saaxilamummaa lolaa hir’isuudhaan gumaacha olaanaa gochaa jiraachuu komishiniin hoggansa yaaddooo ibiddaa fi soda balaa bulchiinsa magaalaa Finfinnee ibse.
Hojiileen qarqara lagaa fi kooriidaraa Finfinneetti ijaaraman miidhaginaa fi ammayyummaa magaalattii guddisuudhaan Finfinneen turizimiif bakka filatamtu akka taatu gochaa jiru.
Misoomni kooriidaraa fi qarqara lagaa jiraattota qarqara lagaarra yaaddoo guddaan jiraachaa turan baraaruu danda’eera.
Pirojektoonni qindoominaan hijjetaman kunneen yaaddoo lolaa yeroo gannaa mudachaa ture furuudhaan yaaddoo malee akka jiraatan godheera.
Itti aanaan komishinaraa hoggansa yaaddoo ibiddaa fi soda balaa bulchiinsa magaalaa Finfinnee Dassaalanyi Gonfaa ENA’f akka ibsanitti, lolaa fi balaa yeroo gannaa mudatuittisuuf hojiiwwan haal duree hojjetamaa jiru.
Komishinichi qooda fudhattoota magaalattii garagaraa waliin ta’uun ujummoowwan dhangala’aan keessa darbuu fi bo’oon lolaan keessa darbu balfaan akka hin duuchamne xiyyeeffannoodhaan qulqulleeffamaa akka jiru eeraniiru.
Dabalataanis hirmaannaan ummataa murteessaa waan ta’eef jiraattonni lagaa fi ujummoo keessatti balfa akka hin ganne hojiin hubannoo bal’aan hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.
Bakkeewwan lolaaf saaxilaman adda baasuudhaan qama dhimmi ilaalu waliin ta’uun balaa gahuu danda’u salphsuuf xiyyeeffannoon hojjetanaa akka jiru itti aanaan komishinarichaa ibsaniiru.
Hojiileen misooma qarqara lagaa fi kooriidaraa rakkoolee ujummoowwan bishaan keessa darbuu furuudhaan yaaddoo lolaa yeroo gannaa mudachuu danda’u hir’isuudhaan gumaacha olaanaa gochaa jira jedhaniiru.
Kun ammoo jiraattota magaalichaaf aara galfii akka kenne dubbataniiru.