Filannichi ummanni keenya nagaaf jecha gatii qaalii kaffalee kan itti mo’ate filannoo seenaa qabeessadha-SBA - ENA Afaan Oromoo
Filannichi ummanni keenya nagaaf jecha gatii qaalii kaffalee kan itti mo’ate filannoo seenaa qabeessadha-SBA
Waxabajjii 15/2018 (ENA)- Filannichi ummanni keenya nagaaf jecha gatii qaalii kaffalee kan itti mo’ate filannoo seena-qabeessa ta’uusaa Sochiin Biyyaalessaa Amaaraa(SBA)ibse.
Boordiin filannoo biyyaalessaa bu’aa filannoo biyyaalessaa 7ffaa kaleessa ifoomsuunsaa ni beekama.
Haala Kanaan paartileen siyaasaa garagaraa adeemsi filannichaa milkaa’aa ta’uusaa ibsuudhaan, bu’aasaa fudhachuusaanii fi paartii badhaadhinaa sagalee caalmaan mo’ateef hawwii gaarii dabarsaa jiru.
Sochiin Biyyaalessaa Amaaraa(SBA) ibsa baaseen filannoon walii galaa 7ffaa, nagaaf jecha ummanni keenya gatii qaalii kaffalee kan itti mo’ate filannoo seena qabeessadha jedheera.
Filannoon walii galaa 7ffaan ummanni gara boqonnaa siyaasaa fi hawaas-dinagdee fooyya’aatti cehuuf kutannoosaa kan itti agarsiise murtoo cimaa ta’uusaa ibseera.
Milkaa’inni galmaa’e bu’aa ummanni keenya fageessee ilaaluu danda’uusaa waan ta’eef seenaa guddaatti fudhatamuu kan qabudha jedhe ibsa baaseen.
Filannichi diinota Itiyoophiyaa alaas abdii kan kutachiise taatee guddaa ta’uu SBA ibseera.
Diyaasporaan misoomaa fi hojii misoomaa akka deeggaru akkasumas tasgabbii biyyaaf jecha ajandaawwan bu’aa hinbuufnerraa akka fagaatu waamicha godheera.
Xumurarrattis paartii badhaadhinaa filannoo walii galaa 7ffaan sagalee caalmaa argateen ergaa baga gammaddanii ibsee, yeroon itti aanu biyya keenya boqonnaa hunda galeessa fooyyee qabutti kan itti ceesifnu akka ta’u ibseera.