Paartii Badhaadhinaa waliin ta’uun misoomawwan eegalaman galmaan ga’uuf kutannoon ni hojjenna -Jiraattota Magaalaa Harar - ENA Afaan Oromoo
Paartii Badhaadhinaa waliin ta’uun misoomawwan eegalaman galmaan ga’uuf kutannoon ni hojjenna -Jiraattota Magaalaa Harar
Waxabajjii 15/2018 (ENA): Jiraattonni Magaalaa Harar pirojektoota misoomaa jalqabaman Paartii Badhaadhinaa waliin ta’uun cimsuun fayyadamummaa ummataa mirkaneessuuf kutannoon akka hojjetan beeksisan.
Bulchiinsi Magaalaa Harar waggoota darban keessa gaaffii jiraattotaa bishaan dhugaatii, bu’uuraalee daandii fi carraa hojii uumuu irratti gaaffii dhiyeessan deebisuuf pirojektoota misoomaa adda addaa raawwachaa akka ture ni beekama.
Keessattuu pirojektoonni misoomaa fayyadamummaa hawaasummaa fi dinagdee jiraattotaa mirkaneessan, seenaa fi aadaa magaalichaa irratti dhiibbaa osoo hin geessisin mirkaneessu bu’aa jajjabeessaa galmeessaa jira.
Kutannoon amma jiraattonni agarsiisan bu’aa misoomaa hanga ammaatti argame itti fufiinsa akka qabaatu fi gatiiwwan bulchiinsa gaarii daran guddisuuf fedhii ummanni qabus agarsiisa.
Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itiyoophiyaa kaleessa filannoo waliigalaa 7ffaa Bakka Bu'oota Ummataa fi Mana Maree Naannoolee irratti Paartiin Badhaadhinaa teessoo caalmaa injifachuu isaa beeksiseera.
Haaluma kanaan jiraattonni magaalaa Harar yaada isaanii ENA’f kennan hojiiwwan misoomaa fi bulchiinsa gaarii Paartii Badhaadhinaa waliin ta’uun eegalaman cimsuun fayyadamummaa ummataa mirkaneessuuf tattaaffii taasifamaa jiru cimsinee deggerra jedhaniiru.
Jiraattonni kunneen hojiiwwan misoomaa, nageenya, dippilomaasii fi hojiiwwan kanaan walqabatan biroo paarticha waliin ta’uun hojjechaa jiran cimsuu itti fufna jedhaniiru.
Jiraattota yaada isaanii kennan keessaa Paartiin Badhaadhinaa misooma koridarii, carraa hojii uumuu, ashaaraa magariisaa fi hojiiwwan misoomaa biroo irratti jijjiirama qabatamaa galmeessisaa jira jedhan obbo Jamaal Mahaammad.
Hojiin kun itti fufuu akka qabu, ummannis hojii dhaabicha waliin eegalame itti fufuu akka qabu hubachiisaniiru.
Yaada isaanii kan kennan qaama miidhamaa obbo Imraan Ahmad waggoota shanan dhufan keessatti paartiin kun fooyya’aa akka hojjetu amantaa qaban ibsaniiru.
Pirojektoota misoomaa eegalaman xumuruu fi fayyadamummaa ummataa daran guddisuuf ciminaan hojjechuun barbaachisaa ta’uus hubachiisaniiru.
Filannoo waliigalaa 7ffaa irratti hirmaachuudhaan sagaleen keenya gatii akka qabu ifatti arginee jirra; akkasumas Paartiin Badhaadhinaa injifachuu isaatti gammachuu qabdu ibsachuun, paartiin kuni kanaan ol akka hojjetu abdii qabdu ibsachuun cinaa dhaabbachuu akka qabdu kan ibsite immoo Yaabsiraa Dassaalenyidha.
Dargaggoo Abdulaaziiz Shakib gama biraatiin Paartiin Badhaadhinaa paartii biyya ceesisu ta'uu dubbachuun,waggoota shanan dhufan keessatti hojiiwwan misoomaa fooyya’oo ta’an raawwachuudhaan fayyadamummaa ummataa akka guddisu amantaa akka qaban ibseera.
Dargaggoo Abdulaaziiz akka jedhetti, paartichi pirojektoota gurguddoo hedduu ijaaruu fi hojiirra oolchuudhaan ''waadaa gochaan agarsiiseera''; Fuuldurattis hojii misoomaa eegalame dhaabicha waliin cimsinee itti fufna jedheera.
#TOI #ENA Afaan Oromoo