Filannoo Waliigalaa 7fffaa keessatti Sagalee Ummatni kenname ni kabajna – Paartii Demokiraatawaa Ummatoota Walloo - ENA Afaan Oromoo
Filannoo Waliigalaa 7fffaa keessatti Sagalee Ummatni kenname ni kabajna – Paartii Demokiraatawaa Ummatoota Walloo
Waxabajjii 15/2018(ENA) – Filannoo waliigalaa 7ffaa keessatti sagalee uummataan kenname ni kabajna jechuun Paartiin Demokraatawaa Ummatoota Walloo (PADUW) ibse.
Paartichi ibsa ENA’f ergeen, filannoon waliigalaa 7ffaan nagaan xumuramuusaa gammachuu itti dhaga'ame kanaan dura ibsuu isaa yaadachiisee, bu'aa Boordiin Filannoo biyyaalessaa ibse irratti hundaa’uun sagalee uummataan kenname kan kabaju ta'uu beeksiseera.
Ibsa boordichaa irratti hunda’uun, Paartiin Badhaadhinaa Mana Maree Bakka Bu'oota Uummataa fi manneen maree magaalaafi naannootiif mootummaa hundeessuu kan dandeessisu sagalee argachuu isaa eeruun, hoggantoota paartichaa, miseensotaafi uummata filataaf ergaa baga gammaddanii dabarseera.
Waggoottan shanan dhufan keessattis Itiyoophiyaan rakkoolee ishee mudatan guutumaan guutuutti kan itti furaman, mariin isheen eegaltee jirtus bu'aadhaan kan itti xumuramu ta'as jedhee amantaa qabus ibseera.
Paartichi ergaa dabarseen, biyya keenya jalqabbii sirna deemokiraasii keessa jirtuuf yeroo ce’umsa nagaafi guddinaa akka ta'u hawwaa, paartiin keenya birmadummaa biyyaa, deemsa misoomaafi guddinaa kan gufachiisan humnoota badii alaas ta'e keessaa, mootummaa cinaa dhaabbannee kan qabsoofnu ta'uu ni mirkaneessina, jechuun ergaa dabarseera.