Hojiiwwan Misoomaa eegalaman akka Saffisaniif hirmaannaa taasifnu cimsinee itti fufna – Dargaggoota - ENA Afaan Oromoo
Hojiiwwan Misoomaa eegalaman akka Saffisaniif hirmaannaa taasifnu cimsinee itti fufna – Dargaggoota
Waxabajjii 15/2018 (ENA) – Paartii mo'ate cinaa dhaabbachuun nageenya naannoo keenyaa eeguu fi hojiiwwan misoomaa eegalaman akka saffisaniif hirmaannaa goonu cimsanii kan itti fufan ta'uu dargaggoonni Magaalaa Amboo beeksisan.
Filannoo waliigalaa keessatti Paartiin Badhaadhinaa Mana Maree Bakka bu'oota uummataafi manneen maree naannoof teessuma caalmaa argachuun mo'achuu isaa Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itiyoophiyaa beeksisuun ni yaadatama.
Dhimma kana irratti dargaggoonni magaalaa Amboo ENA’n dubbise; nageenya naannoo isaanii eeguun hojiiwwan misoomaa jalqabaman akka saffisaniif paartii mo'ate cinaa dhaabbachuun hirmaannaa taasisan kan itti fufan ta'uu ibsaniiru.
Yaada kennitoota keessaa dargaggoo Shibbiruu Nagarii Paartiin Badhaadhinaa gaaffii uummataa deebisuu kan danda'anii fi kanaan dura sadarkaa biyyaalessaafi naannootti pirojektoota gurguddoo eegalaman cimsee itti fufsiisuu akka qabu himeera.
Hojiiwwan misoomaa gurguddoo sadarkaa biyyaalessaatti karoorfaman akka milkaa'aniif paarticha cinaa dhaabbachuun qooda isaa kan bahu ta'uu ibseera.
Dargaggoon Yohaannis Miidhagsaa gama isaatiin, magaalicha keessatti dameewwan hundaan hojiiwwan misoomaa hojjetamaa jiran deeggaruuf qophaa'uu isaa ibseera.
Paartii mo'ate waliin ta'uun hojiiwwan misoomaa jalqabaman irratti hirmaachuun, akkasumas dargaggoota naannichaa qindeessuun gahee isaarraa eegamu bahachuuf qophii ta'uu isaa ibseera.
Dargaggoon Cimdeessaa Nagarii gama isaatiin; paartiin teessuma mana maree caalmaa argate kanaan dura gaaffiiwwan misoomaa lammiileen kaasaa turan deebisuu akka qabu eeruun, pirojektoonni misoomaa jalqabamanifi fayyadamummaa uummataa dabalan akka itti fufaniif qooda isaa kan bahu ta'uu ibseera.