Magaalaa Naqamteetti Biqiloonni faayiyaa hedduu qaban qophaahaniiru - ENA Afaan Oromoo
Magaalaa Naqamteetti Biqiloonni faayiyaa hedduu qaban qophaahaniiru
Waxabajjii 15/2018 (ENA): Sagantaa Ashaaraa Magariisaa bara kanaatiif biqiltuuwwan faayidaa hedduu qaban kuma 790 ta’an Magaalaa Naqamteetti qophaa’uu Waajjirri Qonna Magaalichaa beeksise.
Akka Itti Gaafatamaan Waajjira Qonnaa Magaalaa Naqamtee obbo Girmaa Kadir jedhanitti, biqiltuun kun nyaata, gabbina biyyee, miidhagina magaalaa fi misooma bosonaaf kan oolu ta'a.
Dhaabbanni Magariisaa magaalattii keessatti eegalamee kaasee lafa qullaa biqiltootaan uwwisuun, carraa hojii uumuun, aadaa biqiltuu dhaabuu fi kunuunsuu hawaasa keessatti cimsuu danda’ameera jedhan.
Biqiltoonni kun galma karoorfame galmaan ga’uuf dhaabbilee dhuunfaa, mootummaa fi waldaalee imaaxaan gurmaa’anii hojjetaman buufataalee biqiltuu 13 keessatti qopheeffamaa jiraachuu ibsaniiru.
Dhaabbiin biqiltuu bara kanaa lafa heektaara 15 irratti kan raawwatamu yoo ta’u, lafa kana irratti boolli dhaabbii biqiltuu kuma 700 ol qotamee xumuramuu isaa hubachiisaniiru.
Dhaabbii biqiltuu kanarratti jiraattonni magaalichaa kuma 65 hirmaataa akka jiran hubachiisaniiru.
Sagantaan Ashaaraa Magariisaa madaala haala qilleensaa eeguu bira darbee hanga ammaatti dargaggoota kuma 150 oliif carraa hojii akka uumes eeraniiru.
#TOI #ENA Afaan Oromoo