Tamsaasa Kallatti:

Paartiin filannoo injifate Paartiin Badhaadhinaa fi warri filannoo kana irratti hirmaattan hundi baga gammaddan- Paartii Haqa Hawaasummaa Lammiilee Itiyoophiyaatiif (IZEMA)

Waxabajjii 15/2018 (ENA): Paartiin Badhaadhinaa hogganaa ta’ee akka itti fufuuf kan fialatameefi akkasumas dorgomtoonni dorgommii kana irratti hirmaatanii bakka bu’ummaa ummataa galmaan ga’an baga gammaddan jechuun paartiin haqa hawaasummaa lammiilee Itiyoophiyaaf (IZEMA)’n beeksiseera.

Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itiyoophiyaa ibsa kaleessa baaseen filannoo waliigalaa 7ffaa irratti naannolee filannoo irra caalaan Paartiin Badhaadhinaa injifataa ta’uu beeksiseera.
Kana hordofuun, Paartii Haqa Hawaasummaa Lammiilee Itiyoophiyaatiif (IZEMA) ergaa har’a dabarseen paartichi bakka itti dorgometti mana maree bakka bu’oota ummatootaa 13 fi teessoo mana maree naannoo fi magaalaa 73 injifachuu isaaniitiin deeggartootaa fi paartichaan baga gammaddan jechuun ergaa dabarseera.

Filannoo waliigalaa 7ffaa irrattis sadarkaa biyyaatti paartii morkataa ta'ee akka xumures ibseera.
Kaadhimamaa, miseensootaa fi deeggartoota paartichaa milkaa'ina galmeessisaniif baga gammaddan jechuun, waggoota filannoo itti aanuuf dursanii jiran keessatti cimina isaa itti fufsiisuun, tarsiimoo fi hojiiwwan barbaachisoo birootiin qaawwa jiru guutuudhaan, yeroo osoo hin qisaasessiin gahee dorgomaa isaa akka bahatu ammumarraa akka eegalus ibseera.

Akkuma kanaan dura gochaa turre dhimmoota dantaa biyyaa tajaajilan irratti humnoota Itiyoophiyaa hunda waliin ta’uun ni hojjenna jedhaniiru.

Garaagarummaa fi qeeqa keenya ajandaa dorgommii irratti qaroomina hawaasa keenyaaf malu qabannee dhiyeessuun jalqabne aadaa siyaasaa fayya qabeessaa fi ammayyaa horachuuf hojii keenya itti fufna, milkaa’ina dabalataaf ni carraaqna jedheera.

Paartii Badhaadhinaa paartii biyya bulchu ta’ee itti fufuuf filatame, akkasumas dorgomtoota dorgommii kana irratti hirmaatan bakka bu’ummaa ummataa galmaan ga’an baga gammaddan jenna jechuun paartichi ergaa isaa keessatti ibseera.

Dhaabbilee dimokiraasii ijaaruu fi haala siyaasaa haqa qabeessa ta’e har’a irraa eegalee hundaaf qixa dhaqqabamaa taasisuuf kutannoon akka hojjatu dhaameera.

Paartiin injifate yaada uummataa dhaggeeffachuu; yaadonni misoomaa fi jijjiirama biyyattiif faayidaa qaban gama kamirraayyuu argamuu akka danda’aniifi kan hunda hirmaachise akka ta’u ergaa isaa keessatti himeera.

Akkasumas qeeqa gara bal’inaan fudhachaa ,waliin ta'uun dimokiraasii biyyi keenya barbaaddu akka ijaarru jechuun Paartiin Haqa Hawaasummaa Lammiilee Itiyoophiyaaf (IZEMA)’n ibsa isaa keessatti eereera.

#TOI #ENA Afaan Oromoo

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015