Gaaffiin mirga abbummaa hulaa galaanaa Itiyoophiyaa nageenyaa fi guddina riijinii mirkaneessuuf kan gargaarudha - ENA Afaan Oromoo
Gaaffiin mirga abbummaa hulaa galaanaa Itiyoophiyaa nageenyaa fi guddina riijinii mirkaneessuuf kan gargaarudha
Waxabajjii 14/2018 (ENA): Gaaffiin mirga abbummaa hulaa galaanaa Itiyoophiyaa nageenyaa fi guddina riijinii mirkaneessuuf kan gargaaru dha jedhan hayyoonni.
Seenaan qaroominaafi aangoon Itiyoophiyaa bara dheeraa qabdu abbummaa buufata galaanaa uumamaa ishee waliin walitti hidhata guddaa akka qabu dhugaa beekamaadha.
Shirri diinonni seenaa biyya keessaa fi alaatiin xaxamanis Itiyoophiyaa abbummaa buufata galaanaa uumamaa ishee mulquun dabni guddaan biyyattii irratti raawwatameera.
Gaaffiin buufata galaanaa waggoota kurnan sadiif onnee lammiilee Itiyoophiyaa keessatti ukkaamfamee ture, jijjiirama biyyaalessaa hordofuun ajandaa barbaachisaa ta’ee dhiyaateera.
Abbummaan buufata galaanaa Itiyoophiyaa gaaffii seera qabeessa, seenaa, haqaa, teessuma lafaa fi riijinii ta’ee fi biyya baay’ina ummataa baay’ee guddina dinagdee ariifataa waliin walitti fidu qabdu buufata galaanaa malee jiraachuu hin dandeessu.
Hayyoonni yaada isaanii ENAf kennan akka himanitti, Itiyoophiyaan abbummaa uumamaa fi seera qabeessa buufata galaanaa mataa ishee mulqisiisaniiru jedhani.
Yunivarsiitii Yuniitiitti,barsiisaa sirna Hooggansaa fi Hariiroo Idil-addunyaa kan ta’an Dr. Geetiyyee Tirfee shirri diinota seenaa fi baandaawwan keessootiin dalagame abbummaa buufata galaanaa akka dhabnu nu taasiseera jedhan.
Gantummaan garee aangoo mataa ofiif malee dantaa biyyaalessaaf dursa hin kennine, biyya ganuun dantaa biyyaalessaa irratti jal’ina dhiifama hin qabne raawwataniiru jedhani.
Itiyoophiyaan haqa malee abbummaan buufata galaanaa ishee irraa mulqabuun, Dorgommii daldala idil-addunyaa gama galii fi baasiitiin hir’isuu bira darbee naannichi mandhee shororkeessitootaa akka ta’u taasiseera jedhani.
Jijjiirama biyyaalessaa booda Itiyoophiyaanonni ejjennoo waloo qabatanii dhimma abbummaa buufata galaanaa akka ajandaa dantaa biyyaalessaa tarsiimootti dhiyeessuun, seenaa dabe sirreessuuf dhimma barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.
Dhimmi abbummaa buufata galaanaa Itiyoophiyaa wiirtuu dantaa biyyaalessaa tarsiimoo ta’ee fi beekamtii idil-addunyaa argachaa ture ta’uu ibsaniiru.
Abbummaan buufata galaanaa Itiyoophiyaas tumsa naannoo fi cimina guddisuun nagaa, guddina diinagdee, fi qindoomina gabaaf bu’uura ta’uu ibsaniiru.
Ministeera Geejjibaa fi Loojistikii keessatti qorataa imaammataa fi tarsiimoo kan ta’an Dr. Tamsgeesn Waalellinyi akka jedhanitti, Buufatni galaanaa Itiyoophiyaaf qananii osoo hin taane, dhimma lubbuun jiraachuuti.
Itiyyoophiyaan buufata galaanaa tarsiimoo keessaa bahuun ishee waggoota kurnan sadii oliif jireenya lammiilee irratti dhiibbaa kan geessise yoo ta’u, sirna loojistikii irratti dhiibbaa guddaa kan uume ta’uu hubachiisaniiru.
Yeroo ammaa ijji biyyoota guddtanaii kan irra qubate naannoon Galaana Dimmaa, Itiyoophiyaanonni abbummaa seena qabeessaa fi seera qabeessa ta’e deebifachuuf tattaaffiin taasisaa jiran cimee itti fufuu akka qabus hubachiisaniiru.
#TOI #ENA Afaan Oromoo