Magaalaa Shaggaritti qonna Gannaa bara kanaan hanga ammaatti lafti heektaarri kumni 89 ol qotamee sanyiif qophaa’eera - ENA Afaan Oromoo
Magaalaa Shaggaritti qonna Gannaa bara kanaan hanga ammaatti lafti heektaarri kumni 89 ol qotamee sanyiif qophaa’eera
Waxabajii 14/2018 (ENA Afaan Oromoo) : Magaalaa Shaggaritti qonna Gannaa baranaaf hanga ammaatti lafti heektaarri kumni 89 qotamee facaasaaf qophaa’uu Waajjirri Qonnaa Bulchiinsa Magaalichaa beeksise.
Magaalaan Shaggar erga hundaa'ee jalqabee, bal'ina lafa qonnaafi gandoota baadiyyaa hedduu of jalatti kan hammate waan taa'eef, dhiyeessii oomisha qonnaatiin naannoo saniifi magaalaaf shoora olaanaa taphachaa jira.
Bulchiinsi magaalichaa guddina industiriifi jireenya magaalaa qofa irratti utuu hin taane, wabii nyaataa mirkaneessuufi qaala’insa jireenyaa tasabeessuuf xiyyeeffannoo addaa qonna magaalaatiif kennee hojjechaa jira.
Keessattuu, qonni Gannaa kan oomishni sanyiiwwan midhaanii adda addaa bal’inaan itti argamuufi wabii nyaataa biyyattii keessatti iddoo guddaa qabu, Magaalaa Shaggar keessattis yeroo eeggatee tekinoolojiin deeggaramee akka raawwatamu taasifamaa jira.
Bulchiinsi magaalichaa qonna gannaa baranaatiif qotee bultootaaf dhiyeessii sanyii filatamaa, xaa'oo akkasumas deeggarsa tiraaktaraa yeroon geessisuuf hojiiwwan bal’aa raawwachaa tureera.
Itti Gaafatamaan Waajjira Qonnaa Bulchiinsa Magaalaa Shaggar, Obbo Dajanee Baqqalaa akka himanitti, magaalichatti qonni magaalaa wabii nyaataa mirkaneessuu keessatti qooda guddaa akka qabu hubatamee xiyyeeffannoon hojjetamaa jira.
Haaluma kanaan bara kana magaalichaatti lafa heektaara kuma 95 fi 500 misoomsuuf kan karoorfame yoo ta’u, kana keessaa yeroo ammaa lafti heektaarri kuma 89 qotamee sanyiif qophaa’eera jedhan.
Hangaa ammaatti heektaara kuma 3 ol oomishaalee gosa adda addaatiin uwwifamuus himan.
Bulchiinsi magaalichaas oomishaa fi oomishitummaa qonnaan bultootaa dabaluuf teeknooloojii qonnaa guutuu akka fayyadaman deeggarsa ogummaa fi bulchiinsaa kennaa jira jedhaniiru.
Magaalichatti hanga ammaatti xaa’oo dhihaachuu qabu keessaa dhibbeentaan 81 dhihaachuu eeranii, kana keessaa dhibbeentaan 61 qonnaan bultootaaf dhihaachuu himaniiru.
Xaa’oo kompoostii qophaa’e keessaa meetir kuubiin kuma 316 ol qopheeffamuun ooyiruu qonnaatti baafamuu himanii, dabalataan magaalichatti xaa’oo kompoostii varmii kumtaala kuma 13 fi 900 ol qopheessuun yeroo ammaa fayidaarra ooluuf ooyiruu qonnaan bulaarratti baafamuu ibsaniiru.
Magaalichatti hojii qonnaa ammayyeessuun oomishaa fi oomishitummaa dabaluuf hojii hojjetamaa jiruun bara kana lafa magaalichatti misoomu keessaa dhibbeentaan 80 tiraakteeraan kan qotamu ta’uu himaniiru.
Hojii kana milkeessuufis kanaan dura magaalicha keessa tiraakteroonni 7 qofa kan turan ta’us yeroo ammaa dachaa hedduun dabaluun lakkoofsi tiraakterootaa magaalicha keessa jiran 67 gahuu himaniiru.
Kunis oomishaa fi oomishitummaa qonnaan bultoota magaalichaa dabaluu keessatti gahee olaanaa kan qabudha jedhan.
Bara kana akka magaalichaatti sanyii filatamaa gosa adda addaa kumtaala kuma 80 qonnaan bultootaaf dhihaachaa jiraachuu ibsaniiru.
Magaalichatti hubannoo qonnaan bultoonni fayyadama teeknooloojii fi gabbina biyyee irratti qaban dabaluuf leenjiiwwan adda addaa kennamaa turuu eeraniiru.
Kanarraa kan ka’e qonnaan bultoonnis hubannoo gaarii waan argataniif bara kana akka magaalichaatti lafa misoomurraa callaa kumtaala miliyoona 4.5 walitti qabuuf hojjetamaa jiraachuu ibsan.
#TOI #ENA Afaan Oromoo