Hojiilee Ashaaraa Magariisaan hojjetamaniin uwwisni Magariisaa Finfinnee Gara Dhibbeentaa 24tti Guddateera – Kantiibaa Adaanech Abeebee - ENA Afaan Oromoo
Hojiilee Ashaaraa Magariisaan hojjetamaniin uwwisni Magariisaa Finfinnee Gara Dhibbeentaa 24tti Guddateera – Kantiibaa Adaanech Abeebee
Waxabajjii 14/2018 (ENA): Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebee sagantaa ashaaraa magariisaa waggoota darban hojiirra ooleen uwwisni magariisaa magaalichaa gara dhibbeentaa 24tti ol guddachuu beeksisaniiru.
Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee Mata Duree “Abdii haa dhaabnu” jedhuun Sagantaa Ashaaraa Magariisaa bara kanaa ifatti eegalsiiseera.
Sagantaa kana irratti Af-yaa’iin Mana Maree Federeeshinii obbo Aaganyaahu Tashaagar,kantiibaa Adaanech Abeebee; Itti Aanaa Kantiibaa fi Hogganaan Biiroo Misooma Industirii Finfinnee, Jaanxiraar Abbay fi keessummoonni biroo argamaniiru.
Kantiibaan magaalattii aadde Adaanech Abeebee yeroo sanatti akka himanitti, Sagantaan ashaaraa Magariisaa qindoomina qabuun erga eegalamee waggoota saddeet kan guute yoo ta’u, adeemsa kana keessatti hojiiwwan milkaa’oo ta’an hojjetamaa turaniiru jedhani.
Bulchiinsi magaalichaa hojiiwwan misoomaa walitti fufiinsaan hojjeteen uwwisa magariisa magaalichaa guddisuu danda’uu ibsaniiru.
Finfinneen amma uwwisa magariisaa dhibbantaa 24 irra gaheera jedhan.
Sagantaa Ashaaraa Magariisaa bara kanaatiin magaalaa Finfinneetti biqiltuu miiliyoonni 6 akka dhaabamu himaniiru.
Waggoota dhufan keessatti uwwisa magariisaa magaalattii gara dhibbeentaa 30tti guddisuuf galmi akka kaa’ame himaniiru.
Biqiltuu dhaabuun alattis biqiltuuwwan dhaabaman yeroo yeroon kunuunsuu fi eegumsa gochuun magaalaa qulqulluu, bareedduu fi magariisa ta’e ijaaruu akka qabamu dubbataniiru.
#TOI #ENA Afaan Oromoo