Lammiin kamiyyuu kaka'umsa guddaadhaan Sochii Ashaaraa Magariisaatti makamee misooma itti fufiinsa qabu biyyattii keessatti gumaachuu qaba - Afyaa'ii Mana Maree Federeeshinii, Aaganyahu Tashaagar - ENA Afaan Oromoo
Lammiin kamiyyuu kaka'umsa guddaadhaan Sochii Ashaaraa Magariisaatti makamee misooma itti fufiinsa qabu biyyattii keessatti gumaachuu qaba - Afyaa'ii Mana Maree Federeeshinii, Aaganyahu Tashaagar
Waxabajjii 14/2018 (ENA): Lammiin kamiyyuu kaka’umsa guddaadhaan Sochii Ashaaraa Magariisaatti makamee misooma itti fufiinsa qabu biyyattii keessatti gumaachuu qaba jedhan Afyaa’iin Mana Maree Federeeshinii obbo Aaganyaahu Tashaagar.
Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee Mata Duree “Abdii haa dhaabnu” jedhuun Sagantaa Ashaaraa Magariisaa bara kanaa ifatti eegalsiiseera.
Afyaa'iin mana maree Federeeshinii obbo Aaganyahu Tashaagar, Kantiibaa Adaanech Abeebee fi Itti aanaa kantiibaa fi itti gaafatamaan Biiroo Misooma Industirii Magaalaa Finfinnee Jaanxiraar Abbay fi keessummoonni affeeraman biroo saganticha irratti argamaniiru.
Afyaa’iin mana maree Federeeshinii obbo Aaganyahu Tashaagar akka himanitti hojiin Sagantaa Ashaaraa Magariisaa jalatti akka biyyaatti hojjetamaa jiru eegumsa naannoo bira darbee misooma itti fufiinsa qabu keessatti gahee olaanaa qaba jedhan.
Hojiin guddaan Itiyoophiyaatti Ashaaraa Magariisaa jalatti hojjetame beekamtii idil-addunyaa akka argate hubachiisaniiru.
Hojiin eegumsa naannoo sadarkaa dhaabbileetti qindaa’aa jiraachuun isaa hojii kana caalaatti milkeessuu fi bu’a qabeessa taasisuu isaa ibsaniiru.
Hojii misooma magariisaa fi miidhaginaa kanaan Finfinneen Afrikaa keessatti magaalaa fakkeenya ta’uu ibsaniiru.
Kanaaf lammiileen hundi kaka’umsa guddaadhaan Sochii Ashaaraa Magariisaatti makamuun misooma itti fufiinsa qabu biyyattii keessatti gumaacha akka taasisan waamicha dhiyeessaniiru.
#TOI #ENA Afaan Oromoo