Tamsaasa Kallatti:

Sagantaa Ashaaraa Magariisaa baranaa misooma qarqara laggeenii waliin walqabsiisuun haala dhaloota boruu giddu galeeffateen hojii irra ni oola - Pireezidantii Ordiin Badrii

Waxabajjii 13/2018 (ENA)- Naannoo Harariitti sagantaa Ashaaraa Magariisaa baranaa misooma qarqara laggeenii waliin walqabsiisuun dhaloota boruu haala gidduugaleeffateen hojii irra oolchuuf akka hojjetamu Pirezidantii Naannichaa Ordiin Badrii ibsan.

Pirezidantiin naannichaa hojiiwwan sagantaa Ashaaraa magariisaa baranaatiin naannichatti raawwataman irra deddeemanii daawwataniiru.

Daawwannaa boodas, Pirezidantii Ordiin naannichatti biqiltuuwwan adda addaa kanneen firii fi mukeen bosonaa miiliyoona 1 tuqaa7 ol ta’an dhaabbiif qophaa’uu isaanii ibsaniiru.

Biqiltuuwwan dhaabaman kunniinis wabii nyaataa mirkaneessuuf kan gargaaranii fi nyaata beeyladaatiif kan oolan ta’uu isaaniis dubbataniiru.

Sagantaa Ashaaraa magariisaa baranaa Misooma qarqara laggeenii waliin walqabsiisuun dhaloota dhufu haala gidduugaleeffateen hojii irra oolchuuf akka hojjetamuus ibsaniiru

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015