Yunivarsiitiin Saayinsii fi teeknooloojii Adaamaa barattoota kuma 1 fi 387 eebbisiisaa jira - ENA Afaan Oromoo
Yunivarsiitiin Saayinsii fi teeknooloojii Adaamaa barattoota kuma 1 fi 387 eebbisiisaa jira
Waxabajjii 13/2018 (ENA)- Yunivarsiitiin Saayinsii fi teeknooloojii Adaamaa barattoota kaadhimamtoota eebbifamtootaa 2018 sagantaalee barnootaa garagaraatiin hordofaa turan eebbisiisaa jira.
Itti aanaan ministira muummee FDRI Tamasgeen Xurunaa, ministirri industirii fi walitti qabaan boordii Yunivarsiitichaa Malaakuu Allabal, af-yaa’iin Caffee Oromiyaa Sa’aadaa Abduraahimaan dabalatee hooggantoonni olaanoo federaalaa fi naannoo, hoggantoonni Yunivarsiitichaa akkasumas maatiin eebbifamtootaa fi keessummoonni waamaman sirna eebbaarratti argamaniiru.
Barattoonni Yunivarsiitichi har’a eebbisiisu digirii tokkoffaa, lammaffaa fi sadaffaa(PhD) akkasumas sagantaalee biroon barachaa kan turan barattoota kuma 1 fi 387 dha.