Hawaasni Cinaa fi naannawasaa nagaasaa eegsifachaa gootummaasaa barame cimsee itti fufsiisuu qaba - ENA Afaan Oromoo
Hawaasni Cinaa fi naannawasaa nagaasaa eegsifachaa gootummaasaa barame cimsee itti fufsiisuu qaba
Waxabajjii 13/2018 (ENA)- Hawaasni Cinaa fi naannawasaa nagaasaa eegsifachaa gootummaasaa barame cimsee itti fufsiisuu akka qabu hogganaan olaanaa qajeelcha siistama quunnamtii fi infoormeeshinii ittisaa letenaal jeneraal Massalaa Masarat ibsan.
Raayyaan ittisaa koorii Makataa 403ffaan kan itti hundeeffame ayyaana wagga 4ffaa sagantaawwan garagaraan kabajaa jira.
Kooriin kun buufata fayyaa yaadannoo wareegamtoota Cinaa ganda Cinaatti ijaarsise eebbisiiseera.
Sadarkaa itti aanaa pirezidaantiitti qindeessaan kilaastara bulchiinsaa naannoo Amaaraa Dr. Amaanu’eel Farradaa, ajajaan olaanaa koorii makataa 403ffaa Birgaader Jeneraal Azzazawu Mokonnon, bulchaan godina Gondar Kaabaa Daaqon Shaggaawu Wubee fi qondaaltonni waraanaa biroonii fi jiraattonni naannawaa saganticharratti argamaniiru.
Buufanni fayyaa kun yeroo waraana Kaabaa baatii Hagayyaa bara 2013 tokkummaa fi kabaja biyyaa eegsisuuf ganda Cinaa fi naannawasaatti gootummaan kan wareegaman miseensota raayyaa, humnoota nageenyaa fi hawaasa siviiliif yaadannoo barabaraa akka ta’u kan ijaaramedha.
Buufanni fayyaa kun kutaalee hawaasaa kuma 10caalaniif akaakuuwwan tajaajila fayyaa 10 caalu kan kennu yoo ta’u jiraattota naannawaaf tajaajila fayyaa sadarkaasaa eeggate kennuun bu’aa bayii ni hambisa.
Garee badiinsaa ABUT duraatiin kanneen gara jabummaan dhumanii fi biyya baraaruuf kan wareegaman raayyaa ittisaa fi humnoota nageenyaa biroof golambaa dhaabbataa ta’eetu tajaajila.
Hogganaan olaanaa qajeelcha siistama quunnamtii fi infoormeeshinii ittisaa letenaal jeneraal Massalaa Masarat yeroo eebbaatti dubbii dubbataniin, ummanni Daabaatii fi Dabaarqi goota raayyaa ittisaa cinaa goruudhaan garee badiinsaa qolachuudhaan biyya diigamuurraa kan baraare ta’uusaa dubbataniiru.
Murni ABUT duraanii biyya diiguuf abjootee kutaalee waraanaa lafoo 10 fi kutaa waraanaa komaandoo tokko hiriirsuun hiriirsee dhufus tumsa gooticha raayyaa ittisaa, humnoota nageenyaa naannolee garagaraatiin akkasumas ummata Daabaatii fi Dabaarqi jaalala biyyaa qabuun Cinaarratti abjuunsaa abjuu ta’ee hafuusaa ibsaniiru.
Gareen kun yeroo sanatti yeroo callisaa mootummaan ummata Tigraayiif kennetti gargaaramee biyya diiguuf yaalus raayyaan ittisa har’as taanaan gootummaan mo’achuu amalasaa waan ta’eef diina rukutee deebisuusaa mirkaneesseera.
Buufanni fayyaa yaadannoo wareegamtoota Cinaa miseensota hawaasa siviilii fi humnota nageenyaa biyyasaaniif jecha gara jabummaan kan lubbuusaanii kan dhabaniif yaadannoo barabaraa ta’uusaa hubachiisaniiru.